Qabiinsa Odeeffannoo Dhuunfaa
Odeeffannoo dhuunfaa keetii nu biratti kabajaan eegama. Unka kana fayyadamuudhaan yeroo odeeffannoo kee nuuf ergitu, haala qabiinsa odeeffannoo nuti hordofnu dursitee beekuu qabda. Akkaataan qabiinsa odeeffannoo keenya akka armaan gadiitti ibsama:
Odeeffannoo Maalii Funaanna
Unka kanaa fi kan biroo irratti odeeffannoowwan armaan gadii fudhachuu dandeenya:
- Maqaa, imeeyilii, fi lakkofsa bilbila kee
- Karaa ittiin mo’aa waliin dalaguu barbaaddu (Paartinershiippii, Deggersa Gochuu, yookaan Beeksifachuu) fi dhimma biraa
- Ergaa dabalataa yookaan yaada ati kennitu
Odeeffannoo Maalii Funaanna
Odeeffannoo ati unka kana yookaan kan biraa irratti nuuf kennitu dhimmoota armaan gadiitiif oolu:
- Dhimma ykn haajaa kee hubachuuf
- Hordoffii dhimmoota keetiif
- Keessoo dhaabbataatti dhimmota keef deebii kennuu fi to’achuuf
Odeeffannoon ati nuuf kennitu qaama sadaffaaf hin qoodamu, hin gurguramu, akkasumas hin kireeffamu. Odeeffannoon kee icciitiidhaan kan eegamuu fi hojjetaa keenya heeyyama isaa qabuu qofaan kan hoogganamuu dha.
Odeeffannoon kee Eessatti Kuufama
Odeeffannoon kun bifa eegumsa jabaa qabuun sirna marsariitii keenyaa irratti galmaa’ee kuufama. Hoogganaa marsariitii keenyaa kan heeyyama qabu qofaatu odeeffannoo kana to’achuu danda’a.
Yeroo Hammamii Odeeffannoo Kana Kuusna
Akka seera hooggansaa fi kuusaa daataa biyyaatti, gaaffii keetiif deebii hamma kenninutti, odeeffannoon kee hamma nu barbaachisutti galmee keenyarra turuu danda’a.
Mirga Kee
Yeroo kamitti iyyuu nu quunnamuudhaan:
- Odeeffannoon kee akkamii akka nu bira jiru gaafachuu
- Odeeffannoo kee nu bira jiru sirreessuu yookaan haqsiisuu ni dandeessa.
Hamma danda’ametti gaaffii keetiif ariitiin deebii kennina.
Odeeffannoo Dabalataa
Seera qabiinsa odeeffannoo nama dhuunfaa kana irratti gaaffii yoo qabaatte yookaan odeeffannoo dabalataa yoo qabaatte nu quunnamuu dandeessa.