Waa'ee Mo'aa
TV Mo’aa jireenya mo’ichaaf
TV MO'AA
Dhaabbatni Televison Mo’aa A.L.A Bara 2016 Luba Professor gammachiis Dastaan Dhaadannoo ‘TV Mo’aa Jireenya Mo’ichaaf’ jedhuun Hundeeffame.
TV’n Mo’aa Miidiyaa hojiilee hafuuraa fi Hojiilee hawaasummaa garagaraa irratti bobba’ee kan hojjetuudha. Dhimmoota hawaasa fayyadan, gama Fayyaa, Diinagdee, Aartii, Aadaatiin akkasumas kallattii garagaraatiin Miidiyaa Tajaajila kennaa Jiruudha.
Miidiyaan Mo'aa yoo xiqqaate giddu galaan Uummata Miiliyoona 50 oliin naannoowwanii fi bakkeen garagaraatti daawwatama.
Karaa Miidiyaalee Hawaasaa Kanneen akka: YouTube, Facebook, Tiktok, Telegram fi WhatsApp fayyadamuun odeeffannoolee garagaraa hawaasa biraan qaqqabsiisaa jira.
Hooggansa Mo'aa
Dhaabbaatni TV Mo'aa hooggansaa fi ogeeyyii miidiyaa muuxannoo qabaniin fayyadamuun hawaasaaf bu'aa guddaa buusuu irratti argama.
Luba Pro. Gammachiis Dastaa
Hundeessaa fi Abbaa Mul'ataa
Hundeessaa fi Pirezidaantiin dhaabata TV Mo'aa Luba Pirofeesar Gammachiis Dastaa Bubaa ti.
Nimoonaa Ittaanaa
Daayirektara Olaanaa
Daayirektarri olaanaan TV Mo'aa obbo Niimoonaa Ittaanaa Galmoo ti.
QoPhiilee Mo'aa
Mo'aan hojiilee tajaajila hafuuraa, kan dinagdee, kan barnootaa, fi hawaasummaa keessatti ga'ee olaanaa taphataa jira.
Qophiilee Amantaa
Qophiilee Hawaasummaa
Qophiilee Aartii
Keessummaa Mo'aa
Qophii Dargaggootaa