Gumiin Balal marsaa 43ffaan mata duree “Haqa Waloof Mana Murtii Aadaa” jedhuun guyyaa har’aa waajjira Pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti mari’atamaa Jira.
Mo’aa: (June 27. 2025) Finfinnee
Oromoon seeraa fi heera tumatee Gadaan bulaa dhufe” Obbo Haayiluu Addunyaa hogganaa biiroo kominikeeshinii Oromiyaa. 
Gumiin Balal marsaa 43ffaan mata duree “Haqa Waloof Mana Murtii Aadaa” jedhuun guyyaa har’aa waajjira Pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti mari’atamaa Jira.
Marii kana irrattis hogganaa biiroo kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa, perezidaantii mana murtii waliigalaa Oromiyaa Obbo Gazaalii Abbaa Simal, hoogganaa biiroo abbaa alangaa waliigalaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo fi hayyoonni akkasumas keessummoonni waamichi taasifameef marii kana irratti argamanii jiru. 
Hogganaa biiroo kominikeeshinii Oromiyaa obbo Haayiluu Addunyaa saaqiinsa marii gumii balal marsaa 43ffaa irratti haasaa tasisaniin Addunyaa Oromoon Seeraafi Sirna tumatee duudhaafi safuunis qajeelfamee Gadaan Bulaa saba dhufe ta’uu ibsuun, jiruufi jireenyi Oromoofi Oromummaa safuun masakamee aadaafi duudhaanis kan qajeelfamu ta’uu ibsaniiru 
Walitti dhufeenyi hawaasummaa, hariiroon uumaafi uumamaas dirata aadaa, duudhaa fi safuun qajeelfamee bilisummaa, walqixxummaafi haqummaan ijaaramee saba yaadama mandhaaleen jiraatuufi jiraachaa kan jiru ta’uu himaniiru. 
Sirni Gadaa jaarmiyaalee gurguddoo jiruufi jireenyi guutuun ittiin qajeelfamu, ardaawwan jilaa fi gaaddisa lallabni seeraa itti lallabamuufi murteen sabaa itti murteeffamu garaa garaa saba qabu ta’uu ibsuun, gaaddisa duudhaan guutaman kanneen keessaas Gumiin Balal isa tokko ta’uu kaasaniiru. 
Mootummaan Naannoo Oromiyaas yaadama duudhaa ganamaa kana hojiirra oolchuun Gaaddisa dubbii jabduun ittii ilaalamtu Gumii Balal sirneessuun ajandaa dhimma Oromoof Oromummaafi kan biyyaalessaa qorannoon utubame akka irratti dhiyaatu taasisuu dubbataniiru. 
Waltajjiin yaadama haaraa duudhaa ganamaa irraa maddeen gaggeeffamu kun maqaa gaarii naannoofi biyyaa ijaaruufi ilaalcha biyyaalessummaa dagaagsuu keessatti gumaacha olaanaa ba’achaa jiraachuu eeraniiru.
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Jiraattonni miiliyoona 19.1 waraqaa...
Itiyoophiyaatti mirga waraqaa raga jiraattotaa mirkaneessuuf, tajaajilamtootaa fi tajaajila kennitoota...
Shakkamaa “Haadha manaa koo...
Shakkamaa Godina Geede’ootti hojjetaa Baankii haala suukkanneessaan ajjeese jedhame to’annoo...
Waltajjiin Gumii Balal marsaa...
Waltajjiin Gumii Balal marsaa 49ffaa injifannoo Adwaa irratti xiyyeeffachuun mata...

Yaada Kenni