Oromiyaatti galma Inisheetivii Bunaa milkeessuuf sanyii buna fooyya’aa babal’isuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Oromiyaatti galma Inisheetivii Bunaa milkeessuuf sanyii buna fooyya’aa babal’isuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsame.
Naannoo Oromiyaatti oomishaa fi oomishtummaa Bunaa guddisuuf sanyiiwwan Bunaa oomisha fooyya’aa kennan qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Itti Aanaan Hogganaa Biirichaa Obbo Muhaammadsaanii Amiin akka ibsanitti, Naannicha keessatti oomishtummaa Bunaa guddisuuf bifa addaatiin biqiltuuwwan Bunaa sanyii fooyya’oo qabanii fi oomisha guddaa kennan bal’inaan qonnaan bultootaan gahaa jira jedhaniiru.

Bara kana biqiltuuwwan Bunaa ga’aa ta’an qophaa’uusaa ibsuun yeroo ammaa Naannoolee godinichaatti rooba Arfaasaatti fayyadamanitti biqiltuun dhaabamaa jiraachuu eeranii, Sagantaa dhaabbii biqiltuu bara Kanaatiin lafa hektaara kuma 200 olirra biqiltuu dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Omishaa fi Oomishtummaa mirkaneessuuf dhaabbiin biqiltuu mala saayinsaawaan akka gaggeeffamuuf ogeeyyii fi qonnaan bultootaaf leenjiin barbaachisaa ta’e kennameera.
Itti Aanaan Hogganaa Biirichaa Obbo Muhaammadsaanii akka ibsanitti, naannichatti Omishtummaa bunaa fooyyessuuf biqiltuuwwan sanyii fooyya’aa kennan qonnaan bulaaf hedduuminaan dhihaachaa jira.

Omishaa fi Omishtummaa Bunaa guddisuuf kallattiin xiyyeeffannoo sanyii Bunaa qorannoon fooya’an qonnaan bulaaf bal’inaan dhiheessuudha kan jedhan hogganaan kun Hanga ammaatti Buna dulloome buqqisuun lafa hektaara kuma 66 irratti sanyii fooyya’aan bakka buufamuu dubbataniiru.
Hojii buna dulloome gamashuu lafa hektaara kuma120 ol irratti hojjetamuun danda’amuu fi Naannichatti barana oomishni Bunaa kuntaala miiliyoona 16 walitti qabamuu ibsuun, ji’ootan saglan darban keessatti Bunni toonnii kuma 251 gabaa giddu-galeessaaf dhihaachuu dubbachuu isaanii Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaaseera.
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Kaappiteen Asteer Ayyaanaa Seenaa...
Koongoo keessatti lubbuu loltoota Ameerikaa dhumaatii irraa oolchuu isheen Humna...
Magaalaa Naqamtee keessatti hojiin...
Gidduu kana Siidaa Kumsaa Morodaa Magaalaa Naqamtee Marfata 1ffaa irra...
Mootummaan Fulbaana dhufurraa eegalee...
Mootummaan Fulbaana 2018 irraa eegalee hojjettoota mootummaaf fooyya’iinsa daballii miindaa...

Yaada Kenni