Magaalaa Naqamtee keessatti hojiin misooma Koriidarii jalqabamaa waan jiruuf Siidaan Kumsaa Morodaa Kabajaan Kaafame

Gidduu kana Siidaa Kumsaa Morodaa Magaalaa Naqamtee Marfata 1ffaa irra ture bakka sanaa kaafamuu isaa Miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa ture.
Yeroo ammaa kanammoo Siidaan kun yeroodhaaf akka ka’u taasifamee Goda Hambaa Wallaggaa keessa akka kaa’amu taasifamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Magaalaa Naqamtee himuu isaanii AMN
gabaaseera.
Yeroo ammaa kana Magaalaa Naqamtee keessatti hojiin misooma Koriidarii jalqabamaa waan jiruuf Siidaan Kumsaa Morodaa Kabajaan Kaafamuun kan himame yoo ta’u, Bakki Siidaan Kumsaa Morodaa irratti argamu Marfatni 1ffaa qaamuma misooma kooriidarii ta’ee akkaataa daawwattoataaf ta’utti misoomeefi miidhagee, hojiin isaa akkuma xumurameen Siidaan Kumsaa Morodaa bakkichatti akka deebifamu himaniiru.

Kumsaa Morodaa Abbaan isaanii Mootichi Morodaa Bakaree bara 1839 lubbuun isaanii darbuun isaatiin booda aangoo fudhatanii hanga bara 1923tti mootii Leeqaa Naqamtee ta’uudhaan bulchaa turan.
Masaraan isaan yeroos ijaarsifatanii fi balbala shan qabus Magaala Naqamtee keessatti kan argamuu fi godambaa ta’ee kan daawwatamudha.
Akka Odeeffannoo BBC irraa arganneetti, agaala Naqamtee lafa isaaniirraa kennanii akka ijaaramtu kan godhanii fi moggaasa Naqamtee jedhu kana akka argattu kan godhan Mootii Kumsaa Morodaati.
Magaalli Naqamtee kan hundoofte ALI bara 1829tti. Yeroo sana naannoo sana bulchaa kan turan ammoo akaakayyuu Kumsaa, Bakaree Godaanaati.
Naannoon Magaala Naqamtee ammaa kun yeroo sana ona onaan kan ture malee akka magaalaatti qindooftee fi Moggaasa Naqamtee jedhu kana kan argatte bara 1880tti Mootii Kumsaa Morodaatiin akka ta’etu himama.

Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Shaggariitti Manneen Daldalaa 1000...
Magaalaa Shaggaritti fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf Manneen Daldalaa 1000 Qonnaan...
Himatamaan Yakka Ajjeechaa Rawwate...
Himatamaa maqaan isaa Saamu’eel Naadoo Ittaanaa jedhamu Godina Wallaggaa Lixaa...
Waamichi Israa’el dorgommii Ispoortiirraa...
Gareen ogeeyyii UN fi Ministirri Muummee Ispeen Peedroo Saancheez...

Yaada Kenni