Shaggariitti Manneen Daldalaa 1000 Qonnaan Bultootaaf kenname.
Magaalaa Shaggaritti fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf Manneen Daldalaa 1000 Qonnaan Bultootaaf kennamee jira.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf murtoo addaan Manneen Daldalaa 1000 Qonnaan Bultootaaf dabarsamee kennamee jira.
Sirna dabarsaa Manneen daldalaa qonnaan bultootaaf taasifame kana irratti sadarkaa itti Aanaa pirazidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr Tashoomaa Addunyaa fi hooggantootni sadarkaa sadarkaan jiran irratti argamaniiru.

Sadarkaa Pirazidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr Tashoomaa Addunyaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaffii fi komii ummata Oromoo deebisuuf Magaalaa Shaggar murtoo addaan akka hundeesse himanii, Magaalaa Shaggar magaalaa ammayyaa , giddugala teknoloojii , dinagdee maddisiisu haqaa fi walqixummaan keessatti mirkanaa’e ijaaruuf hojjechaa akka jiran dubbataniiru.
Lafaa fi maallaqa caalaa kabaja guddaa qonnaan bulaaf akka qaban Dr Tashoomaan dabaluun ibsanii, jiruu fi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruun fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf qarshii biliyoona 20 oliin ijaarsa mandara Moodeelaa qonnaan bulaa jalqabsiisuu, bu’uuraalee misoomaa adda addaa babal’isuu, manneen barnootaa fi hospitaaloota ijaaraa jiraachuu eeruun guyyaa qonnaan bultoota 1000f manneen daldalaa qarshii biliyoona 2 oliin ijaarame dabarsuun akka kennanis dubbataniiru.

Saganticha kan adda isa taasisu hirmaannaa dubartoota giddugaleeffachuu himanii Magaalaa fi Qonnaan bulaa adda baasuun hin danda’amuu, hundeen magaalaa Shaggar qonnaan bulaa waan ta’eef fayyadamummaa qonnaan bulaa caalmaatti mirkaneessuuf xiyyeeffannoon akka hojjetaniis hubachiisaniiru.
Qonnaan bultootni manni daldalaa kennameef gama isaaniin jijjiiramaan dura sirni alagaa lafaa fi qabeenya isaanii saamuun isaan dhiibaa akka ture ibsanii Mootummaan jijjiiramaa gaaffii fi deebii keenya deebisuun fayyadamummaa keenya mirkaneessa jira jechuun gammachuu isaanii ibsataniiru.
Sagantaa dabarsa manneen daldalaa qonnaan bulaaf dabarsamee kenname irratti qonnaan bultootni Carraa manaa teknoloojiin deeggarame kaasuun mana daldalaa isaan qaqqabe fudhataniiru.

Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti qindeessaan kilaastara Bulchiinsaa fi Tajaajilaa Obbo Gugsaa Dajanee magaalli Shaggar kan hundaa’e faayidaa fi fayyadamummaa qonnaan bulaa sadarkaa olaanaan mirkaneessuuf akka ta’e himanii, Magaalli Shaggar qonnaan bulaaf sodaa osoo hin taane magaalaa qonnaan bulaaf carraa ,giddugalaa dinagdee , teknoloojii fi Aadaa isaa taasisuun qonnaan bulaan sochii daldalaa keessatti hirmaachuun qonnaan bolaa gara invastimantiitti ceesisuu akka ta’ees dubbataniiru.
Sanadni Ulaagaa callallii fi murtoo addaa Kabineen Magaalaa Shaggar fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf dabarse karaa Itti gaafatamtuu Waajjira Misoomaa, Bulchiinsaa fi dabarsa Manneen Magaalaa Shaggar Aaddee Masarat Ababee dhimmamtootaaf dhiyaateera.
Galmoota Magaalli Shaggar qabatee hojjechaa jiru keessaa tokko fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuun sirna daldalaa ammayyaa’aa fi bu’aaqabeessa ta’e keessatti hiraachisuu fi dorgomaa taasisuun qonnaan bulaan dinagdee horatee gara invastimantiitti fi industiriitti ce’e arguudha.

Gama biraan imala magaalaa Shaggar Magaalaa ammayyaa, giddugala dinagdee, invastimantii fi magaalaa eegeree ilaalama ammayyummaa magaalootaa jaarraa 21ffaan ijaaruun dhalootaaf dabarsuuf hojii misoomaa garaagaraa hojjechaa jira.
Kaleessa sirni alagaa qonnaan bultoota qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuu,aadaa fi eenyummaa isaa sarbuun moggaatti dhiibaa ture.
Haa ta’uu malee hundeeffama magaalaa Shaggariin booda hojiin misoomaa fi sochiileen roga maraa magaalicha keessatti taasisfamu qonnaan bulaa hammachuu fi hirmaachisuun fayyadamummaa isaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
LEENJII MAGAALAA AMBOO
” Dargaggeessi Filatee , Rigatee Maatii Isaarra Taa’uun Cubbuudha ”...
Hojii Baruu fi Barsiisuu...
Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo hojiin baruufi barsiisuu rakkoo...
Ijoollee sababoota garagaraan talaalli...
Biiroon fayyaa Oromiyaa sagantaa tajaajila talaallitiin ijoollee sababa adda addaatiin...

Yaada Kenni