Mootummaan Fulbaana dhufurraa eegalee hojjettottaaf miindaa fooyyessuuf


Mootummaan Fulbaana 2018 irraa eegalee hojjettoota mootummaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf akka jiru Koomishiniin Siiviil Sarvisii Federaalaa ibsa baaseen beeksise.
Fooyya’iinsa Kanaan miindaan hojjetoota mootummaa inni gadi aanaan Birrii kuma 4 fi 760 irraa gara Birrii kuma 6’tti akka guddatu akkasumas Miindaan hojjettoota mootummaa inni olaanaan ammoo Birrii kuma 21 fi 492 irraa gara Birrii kuma 39’tti kan guddatu ta’uutu ibsame.
Miindaan ka’umsa eebbifamtoota digirii jalqabaa Birrii kuma 6 fi 940 irraa gara Birrii kuma 11 fi 500’tti kan  fooyya’u ta’uunis ifoomeera.
Fooyya’iinsi daballii miindaa kun baajata dabalataa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 60 ol gaafachuu kan ibse komishinichi, baasii mootummaa waliigala waggaatti miindaaf bahu Birrii biiliyoona 500 fi biiliyoona 60’n gahuu hubachiisuun , Miindaan hojjettoota mootummaa siiviil sarvisiin ala dameewwan garaagaraa keessatti bobba’anis kan fooyya’u ta’uu komishinichi beeksiseera.
Mootummaan mindaa kana wayita fooyyessu daballiin kun gahaa fi isa dhumaati jedhee hin amanu. Fuulduratti fooyyessi riifoormii siviil sarviisii hojeeffamaa wayita deemu fooyyessu bu’aa irratti hundaa’e nitaasifama.
Mindaa fi faayidaan hojjetaa mootummaa sadarkaa fi amma barbaadamu kaffaluun yoo barbaachise dinagdee biyyaalessaa kana gochuuf dandeessisu ijaaruu qabna.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaadota Kennaman

  • Alamuu Tasammaan akkas jedhe:

    Fooyyaa’insii akkaata kanaan yoo gaggeefamuu dhugummaa mootummaan keenyaa kuni mootummaa jijjiramatti garuu amma ifoomsuun hin barbaachisuu ture waan hundummaafuu Gabaa irraatti Cimnee hojechuu qaban
    Ka’umsii Digirii 11500 yoo ta’e ka’umsii Maastersii immoo maalif hin ifoomnee?

  • Odaa Mitikun akkas jedhe:

    Itti nuf muddaa yadaa gariidha
    Garuu haalaa olkanisaa gabba immoo irraati nuf hojjedha dafaa Minda dabaluun mana kiraa dabaluudha gabba dabaluudha.

  • Bultii sanbataan akkas jedhe:

    Ideeffannoo yeroo irrati hundaaye waan nuun geessaniif ulfaadhaa warri moa tv

  • Awal Takkalign akkas jedhe:

    Gaariidha. Galatooma

  • Jihaad Nuuraan akkas jedhe:

    B’yee gaaridha

  • Yaada Kenni

    Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

    Oduuwwan Kan Biroo

    Kibba Siwiizarlaanditti balaa abiddaa...

      Kibba Siwiizarlaanditti balaa abiddaa bakka bashannanaatti mudateen namoonni 40...

    Kaappiteen Asteer Ayyaanaa Seenaa...

    Koongoo keessatti lubbuu loltoota Ameerikaa dhumaatii irraa oolchuu isheen Humna...

    Godina Harargee Lixaatti qeerransi...

      Godina Harargee Lixaa aanaa Shanan Dhuugootti yeroo dhihoo asitti...

    Scroll to Top