Kibba Siwiizarlaanditti balaa abiddaa bakka bashannanaatti mudateen namoonni 40 ta’an du’an.


 

Kibba Siwiizarlaanditti balaa abiddaa bakka bashannanaatti mudateen namoonni 40 ta’an du’an.

Kibba Siwiizarlaand bakka bashannanaatti balaa abiddaa mudateen namoonni 40 ta’an du’uu fi 115 kan ta’an madaa’uu poolisiin ibse.

Namoonni miidhaman hedduun haala yaaddessaa keessa jiraachuus poolisiin gabaaseera.

Aanga’oonni ka’umsa balaa kanaa qorataa turan waan sababa jedhanii adda baasan hin qaban, garuu haleellaa akka hin taane ibsaniiru.

Balaa kanaan namoonni lammiilee biyyoota garaagaraa ta’antu miidhaman.
Ajajaan Poolisii naannawaa sanaa Fireedirik Giisler yeroo itti aanutti dursa kennanii kan hojjetan reenfa namoota du’anii adda baasuudha jedhan.

Balaa kana to’achuu fi namoota miidhaman baraaruuf helikooptaroonni 13, ambuulaansonni 42 fi hojjettoonni balaa tasaa 150 ta’an ramadamaniiru.

Bulchiinsi balaan kun keessatti mudate, Valaayis, bakka tuuristoonni heddumminaan itti imalanidha.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Murtoowwan Manni Maree Ministeerotaa...

Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 54ffaa gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarsee...

Kibba Siwiizarlaanditti balaa abiddaa...

  Kibba Siwiizarlaanditti balaa abiddaa bakka bashannanaatti mudateen namoonni 40...

Magaalaan Shaggar Agarsiisa invastimantii...

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar agarsiisa invastimantii idil addunyaa kan bara 2025...

Scroll to Top