Murtoowwan Manni Maree Ministeerotaa Dabarse…


Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 54ffaa gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarsee jira.

1. Manni Marichaa jalqaba gargaarsa maallaqaa fi waliigaltee liqii lama irratti mari’ateera.
Inni jalqabaa waliigaltee liqii Yuuroo miiliyoona saddeettamaa (80,000,000) Ejensii Misooma Faransaay irraa karoora haaromsa dinagdee biyyattii hojiirra oolchuuf ooludha.

Inni lammaffaan ammoo waliigaltee liqii Yuuroo miiliyoona dhibba fi kudhanii (110,000,000) Baankii Invastimantii Awurooppaa irraa Sagantaa Fooyya’iinsa Faayinaansii Maayikiroo Baadiyyaati.

Manni marichaa wixinee labsii waliigalteewwan liqii raggaasisu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka dabarfamuuf sagalee guutuun murteessee, waliigalteewwan liqii lamaan imaammata bulchiinsa liqaa biyya keenyaa wajjin kan walsimu ta’uu sagalee guutuun mirkaneesse.

2. Itti aansuunis Manni Marichaa warshaa omishaa fi qopheessuu xaa’oo yuuriyaa biyya keenyaa ilaalchisee waliigaltee guddinaa fi eegumsa invastimantii irratti mari’ateera.

Kaayyoon waliigaltee kanaa inni guddaan, liqeessitoonni ulaagaalee ciccimoo liqeessitoonni pirojektoota biyyoota guddachaa jiran kan akka Itiyoophiyaa keessatti liqeessuuf itti fayyadaman guutuudhaan kaappitaala barbaachisu akka argatan haala dandeessisu uumuu, xaa’oo biyya keessaa oomishuun fedhii biyya keessaa guutuuf, bittaa xaa’ootiif baasii sharafa alaa ol’aanaa akka hin baane gochuu, akkasumas midhaan nyaataa irratti of danda’uuf carraaqqii taasifamu galmaan kan ga’uudha.

Manni Marichaa waliigaltee kana Ministeera Maallaqaan mallatteeffamee hojiirra oolchuuf sagalee guutuun raggaasisuun kallattii imaammata mootummaan baaseen kan walsimu ta’uu mirkaneessee jira.

3. Kana malees manni marichaa wixinee labsii nageenya saayibarii bu’uuraalee misoomaa ijoo irratti mari’ateera.

Manni marichaa wixinee labsii kanarratti erga mari’atee booda galteewwan dabalamee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka dabarsu sagalee guutuun murteessee jira.

4. Manni marichaa waliigalteewwan biyyoota lamaanii idil-addunyaa 6 irrattis mari’ateera.
Kanneen jalqabaa waliigaltee viizaa dhiisuu abbootii paaspoortii dippilomaasii ykn tajaajilaa fi waliigaltee wiirtuu qorannoo baayoloojii waliinii Mootummaa Rippabiliika Soshaalistii Veetnaam fi Federeeshinii Raashiyaa waliin hundeessuuf taasifameedha.

Waliigalteewwan kunneen walitti dhufeenya biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuu fi hojiiwwan gama qorannoo fi misooma saayinsiitiin hojjettu deeggaruuf kan dhiyaatan ta’uu ibsameera.

Inni lammaffaan ammoo waliigalteewwan tajaajila qilleensaa afur Mootummaa Eswatini, Mootummaa Rippabiliika Angoolaa, Mootummaa Rippabiliika Ummata Baanglaadeesh fi Mootummaa Rippabiliika Seeraaliyoon waliin taasifame irratti mari’ateera.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa mirga tiraafikaa 3ffaa fi 4ffaa irratti balalii imaltootaa fi fe’umsaa gara magaalota gurguddoo biyyootaatti akka gaggeessu, daandiiwwan qilleensaa bakka bu’oota ta’an walta’iinsaan akka hojjetan, mirga tiraafikaa 5ffaan gara iddoowwan filatamanitti balalii akka hojjetan, akkasumas hariiroo Itiyoophiyaan biyyoota lamaanii waliin qabdu cimsuuf, carraa gabaa dabalataa daandiin xiyyaaraa kanaaf uumuuf, kallattiin alaa jajjabeessuuf kan dandeessisu waliigalteewwan kunneen invastimantii, carraa hojii uumuu, sharafa biyya alaa argachuuf, turizimii guddisuuf, mana marichaaf dhiyaataniiru.

Manni marichaa dhimmoota kunneen irratti erga mari’atee booda wixinee labsii raggaasifamuuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka dabarsu sagalee guutuun murteessee jira.

5. Dhumarratti Manni Marichaa Dambii Hundeeffama Tajaajila Abiddaa fi Tajaajila Ariifachiisaa Biroo Ityoophiyaa irratti mari’ateera.

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Beeniyaamin Netaaniyaahuun pirezidaantii Israa’el dhiifama gaafatan. Muummichi ministeera Israa’el Beeniyaamin...

Biyyoonni Awurooppaa shan baqattoota...

Biyyoonni Awurooppaa shan baqattoota iyyanni koolugaltummaa isaanii kufaa ta’e gara...

Yemenitti Bidiruun Godaantota Lammileen...

Bidiruun Godaantotaa lammiileen Itoophiyaa 154 ittiin imalaa turan galoo galaana...

Scroll to Top