
Beeniyaamin Netaaniyaahuun pirezidaantii Israa’el dhiifama gaafatan.
Muummichi ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun himannaa malaammaltummaa sadii kan irratti baname yoo tahu, pirezidaantii biyyattii Isaa’ak Herzoog dhiifama akka isaaniif godhan gaafatan.
Waajjirri Herzoog gaaffii baay’ee barbaachisaa ta’e kana ilaaluun dura galtee abbaa seerummaa akka barbaadu ibseera.
Netaaniyaahuun waggoota shanan darbaniif yakka malaammaltummaa, waliin dhahuu fi himanna sadiin ammo yakka amantaa cabsuutiin himatamanii tuan. Netaaniyaahuun himannaa hunda irratti badii akka hin qabne falmu.
Muummichi Ministeeraa ergaa viidiyoodhaan dabarsaniin, dhaddacha hanga xumuraatti hordofuu akka barbaadan kan himan tahus, fedhiin biyyaalessaa garuu faallaa kanaa barbaada jedhan.
Miseensonni mana maree paartilee mormitootaa dhiifama argachuu isaanii dura yakka isaanii amanuu qabu jedhan.

Jalqaba baatii kanaa pireezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Herzoog Netaaniyaahuuf dhiifama guutuu akka kennan gaafataniiru.
Yeroo sanatti namni dhiifama barbaadu kamiyyuu adeemsa idileetiin gaaffii isaa dhiyeessu akka qabu Herzoog dubbatanii turan.
Pirezidaantichi gaaffii dhiyaate kanaaf yoom murtee akka kennu wanti agarsiisu hin jiru.
Bara 2020 keessa Beeniyaamin Netaaniyaahuun muummicha ministeera Israa’el yeroo jalqabaaf dhaddacha irratti dhiyaatan ta’aniiru.
Himannaan jalqabaa muummicha ministeeraa irratti dhiyaate invastaroota beekamoo waa akka isaaniif godhamu barbaadan irraa kennaa addaa, irra caalaan sigaaraa fi shaampaayin fudhachuun isaanii eerameera.
Himannaan lammaffaan uwwisa gaarii argachuuf jecha, tamsaasa gaazexaa Israa’el tokko fooyyessuuf waadaa galaniiru jechuun kan irratti dhiyaateedha.
Himata sadaffaa irratti, abbaan alangaa tokko marsariitii oduu tokko irratti uwwisa gaarii argachuuf jecha murteewwan abbaa aksiyoonaa dhaabbata telekoomii Israa’el tokkoo fayyadamoo ta’an dabarseera kan jedhuu dha.
Netaaniyaahuun himannaa hunda akka hin balleessine kan himan yoo tahu, dhaddachicha mormitoonni siyaasaa waan hin jirre barbaaduuf jecha kan uumaniidha jedhan.
Ergaa viidiyoo Dilbata darbe dabarsaniin himannaan narratti baname waan qabatamaa miti garuu , adeemsi kun keessoo Isira’eel qoqqoodaa jira jedhan.
Muummichi ministeeraa itti dabaluudhaan ”dhaddacha hatattamaan addaan kutuun waldhabdee jiru haalaan hir’isuun araara bal’aa biyyi keenya baay’ee barbaaddu fiduuf gargaara” jedhan.

Netaaniyaahuun torbanitti al sadii mana murtiitti ragaa bahuun akka isaan irraa eegamu ibsuun, kanas gaaffii hin danda’amne jechuun dubbataniiru.
Dhiifamni kun Israa’el carraa tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf akka fayyadamtu gargaara jedhan.
Hogganaan paartii mormituu Yair Lapid yakkamaa ta’uu isaanii yoo hin amanne, gaabbii tokkollee yoo hin agarsiifnee fi jireenya siyaasaa keessaa yoo bahe malee dhiifama gochuun hin danda’amu jedhan.
Maddi: BBC
Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Hormuz dura uggura galaanaa...
Hormuuz Ilaalchisee Dhumee torbee darbee yeroo itti burjaajiin uumame ture....
“Qabsoo uummata keenyaa sadarkaa...
Gamaggamni raawwii hojii mootummaafi paartii kurmaana 2ffaa bara 2018 bakka...
Shaggaritti Bara barnootaa 2017...
Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Magaalaa Shaggar Obbo Firakiyyaa Kaasahun Waajjira...

Yaada Kenni