“Qabsoo uummata keenyaa sadarkaa ol aanutti ceesisuuf ,hooggnasi milkaa’ina uummata isaan of madaalaa deemuu qaba!”- Pirez. Shimallis Abdiisaa


Gamaggamni raawwii hojii mootummaafi paartii kurmaana 2ffaa bara 2018  bakka Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffameera.

Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa  gamaggama kanarratti argamuun akka jedhanitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa adeemsa jijjiiramaa kana keessatti qormaatilee  dandamataa, carraa jiran fayyadamuun mootummaa humna raawwachiisummaa isaa cimsataa dhufeedha jedhan.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa gamaggama raawwii hojii Mootummaafi paartii kurmaana lammaffaa gaggeeffamaa jiruuf hirmaattotaaf kallattii marichaa kennaniiru.

Gamaggama kanaanis dhimmootni akka raawwii inisheetivotaa,geggeessummaa keenyaan rakkoowwan hawaasa keenyaa hiikuu, ijaarsa mootummaa gandaa Cimsuu,hojiirra oolmaa karooraa fi kallattiiwwaniin walqabatee,humnoota sadan fayyadamuun rakkoo hiikuu fi hooggansa diinagdee ta’uu dhimmootni jedhan gadi fageenyaan ilaalamuu akka qaban himan.

Sadarakaa gahuu qabnuutti akka qaqqabnu hooggansi sadarkaan jiru xiiqeeffatee hojjechuu akka qabu Pireezidaant Shimallis ibsaniiru.

Hooggansi ba’aafi qormaata guddaa kan qabu ta’uu isaa kan ibsan Pireezidaant Shimallis, qindoominaan of kennuun kan hojjetamu yoo ta’e tulluun hin diigamne kan hin jirre ta’uu dubbataniiru.

Kanaaf hooggansi uummata isaa waliin ta’uun injifannoo haaraa galmeessisuuf xiiqeeffatee hojjechuu qabas jedhaniiru.Hooggansi dinagdee sadarkaa barbaadamuun hoogganaa jiraachuu marii kanaan xiyyeeffannoon itti kennamee mari’atamuu akka qabu Pireezidaant Shimallis kallattii kennaniiru.

Gama biraatiin Obbo Shimallis Abdiisaan wayita sana akka jedhanitti naannichatti hiyyummaa dhabamsiisuuf hojiileen misoomaa hawaasumma fi dinagdee hojjetamaniiru.

Hojiileen fayyadamummaa hawaasummaa fi diinagdee mirkaneessan misoomni inisheetivii bocaman milkaa’inoonni isaanii sadarkaa fooyya’aa ta’uu dubbataniiru.  Keessattuu damee qonnaan hojiileen wabii nyaataa milkaneessuuf jalqabaman, misooma magaalaa akkasumas hojiileen biroo milkaa’inoonni olaanoo kan irraa argaman ta’uu ibsan.

Hojiileen milkaa’oon kunniin haa galmaa’aniyyuu malee ammallee hanqinni qulqullinaafi harcaatiin,malaanmaltummaa fi hojmaata badaa,kenniinsa tajaajilaa irratti hanqinoonni jiru jedhan.

Hoggansi naannichaas bu’aalee argamanitti gammaduun hojii ofii akka hin daganne eeruun, bu’aa fooyya’aaf fayyadamummaa lammiilee kan mirkaneessu hojjechuuf of qopheessuun hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Dabalataanis qaala’insa jireenyaa fi hojii dhabdummaa hir’isuuf cimanii hojjechuu akka qaban eeruun, uummanni hirmaannaa isaa guddisuu akka qabu,galii walitti qabuu,aadaa qusannaa guddisuu fi hojiileen biroos hojii gara fuula duraatti xiyyeeffannoon hojjetamani dha jedhaniiru.

Haaluma Wal Fakkaatuun Ittigaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa haasaa waltajjii qorannoo raawwii hojii kurmaana lammaffaa, bara 2018, Paartiifi Mootummaa qoratamaa jirurratti akka jedhanitti, Sirna Jabaa Dhugoomsuuf caasaa sadarkaadhan jiru humneessuu fi tekinoloojii hidhachiisuun walqabatee hojiin hojjetame abdiisaadha jedhan. Akkasumas, hojiiwwaan siyaasaaf ijaarsaa,nageenya amansiisaa fi misoomaa ariifataa galmeessuuf hojjetamaa turaniin roga hundaan milkaa’inootni fooyyeen argamaniiru jedhan.Humna raawwachiisummaa keenya cimsuudhaaf leenjiiwwan addaa addaa  kennamaa turan bu’aaleen abdachiisoon akka galmaa’an eeran.

Gama biraatiin hojii hanga ammaatti hojjetaman keessatti milkaa’inootni gaggaariin yoo jiraatanis  dhimmootni hojii siyaasaa fi ijaarsaa rakkoowwan uummata keenya furuun dhimma xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu kaasan. Dabalataanis, qulqullummaa keessoo paartii,rakkoo naamusaa keessattuu gabaasa sobaan walqabatee mul’atu,hanga poteenshaala keenyaa dhiibbaa eyyentaa uumuu dhabuunii fi  raawwi gad aanaa hojii misoomaa keessatti mul’atan dhimmoota hojii barbaadan ta’u himan.Gamaggama kanaanis ciminoota keenya itti fufsiisuun hanqinoota mul’atan qorachuun adda baasnee galtee karoora itti aanuu taasifachuun murteessaadha jedhan.

Keessumaa dhimmoota komii ummataa fidannirratti lernjii gahaan kennameefi qophiin taasifamee hojiitti seenamuusaatiin jalqabbiin jiru gaariidha.

Hawwii sirna jabaa ijaaruu akka biyyaafi naannootti jiru dhugoomsaa, hojmaatawwan jiran fooyyeessaafi teknolojiidhaan cimsaa hojiin hojjetame gaarii ta’uu himanii, wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo akka Oromiyaatti sgan ture 11tti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsu.

Sassaabbii galiifi tolaooltummaarratti hojiin jajjabeessaa hojjetamuu himanii, ammallee walamantaan siyaasaa,  kenna tajaajilaafi gabaasa sobaa waliin walqabatanii jiran akka hanqinaatti kan ka’an ta’uu eeru.

Bulchiinsa gaarii, sassaabbii galii, nyaata barataafi carraa hojii uumuun rakkoolee akka salphaatti hinilaalamneefi xiyyeeffannaa addaa barbaadan ta’uu himaniiru.

Haaluma Kanaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee qonnaatiif xiyyeeffannaa kennee hojii hojjetaa jiruun bu’aawwan gurguddoo argamaa jirachuun waltajjii gamaaggamaa kana irratti ibsamee jira.

Misooma midhaanii ganna bara 2017/18 lafa hektaara  miliyoona 11.9.misoomsuuf karoorfamee lafa hektaara miliyoona 11.8 99% misoomsuun danda’ameera.Hanga ammaattis lafa hektaara miliyoona 9.9 irraa oomishni kuntaala miliyoona 314 sassaabameera.

Misooma qamadii bonaatin bara kana lafa hektaara miliyoona 4 misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafa hektaara miliyoona 3.38 84% misoomsuun danda’ameera.

Gama misooma bunaatin biqilaa bunaa biliyoona 2.51 dhaabuuf karoorfamee biqilaa bunaa biliyoona 2.43 kan dhaabbate ta’uu gabaasni raawwiin hojii Mootummaa kurmaana lammaffaa ni ibsa.

Dabalataan Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalonni bakka jireenyaa qofa osoo hintaane bakka oomishaa akka ta’aniif galmoota misooma magaalaa;wabii nyaataa mirkaneessuu, ogummaa dagaagsuu, dhaweessummaa dagaagsuufi E-Governance hojiirra oolchee hojii hojjataa jiruun bu’aawwan gaggaariin argamaa jiraachuun ibsameera..

Naannichatti bara kana kilaastara beelladaa 138,800 ijaaruuf karoorfamee ji’oottan jahan darbanitti  kilaastarri 96,343 raawwatameera.

Gama industirii godootiin walqabatee kilaastara industirii godoo 25,086 karoorfamee 12,511 raawwatameera.

Gama biraatinis ji’oottan jahan darbanitti godinaaleefi magaalota naannichaatti Giddugalli Gabaa 1, 820 ijaarameera.

Dargaggoonni ogummaa gonfachuuf hojii eeggachuurra carraa hojii akka uummatan taasisuuf hojii hojjatamaa jiruunis leenjiin dhaheessummaafi ogummaa namoota hedduuf kennameen hanga ammaatti namoota miliyoona 1.137 ta’aniif carraan hojii uumameera.

Haaluma wal fakkaatuun gabaasa hojii Mootummaa ji’a jahaa dhiyaateen Baankiin Siinqee  ji’oottan jahan darbanitti liqeeffattoota 168,084 ta’aniif qarshii biliyoona 26.32 liqeessuu kan danda’e ta’uun ibsameera.

Qusannaan walqabatees Baankichi hanga ammaatti qarshii biliyoona 145.06 kan qusachiise  yoo ta’u ji’oottan jahan darban qofa qarshii biliyoona 28.39  baankichatti kan qusatame  ta’uun ibsameera. Dabalataanis ji’oottan jahan darbanitti lakkoofsi qusannaa Baankii Siinqee 947,460 banameera.

Liqii maayikiroo faayinaansii waliigala dhiyaate keessaa dhibbeentaan 55 waldaalee IMX’tiif kan dhiyaate ta’uunis gabaasni dhiyaate ni eera.

Dabalataan Gamaggama raawwii hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ji’oottan jahan darbanii Adaamaatti gaggeeffamaa jirurratti gabaasni dhiyaate akka agarsiisutti naannichatti ji’oottan jahan darban pirojektoota investimentii 10, 500 simachuuf karoorfamee 11, 615 simatamanii 8, 579 murtii argataniiru.

Kaappitaalan wal qabatees kaappitaala qarshii biliyoona 200 karoorfamee qarshiin biliyoona 358 raawwatameera.  Pirojektoota investimentii kanaanis hojii barbaaddota 1,000,000 carraa hojii uumuuf karoorfamee 797, 126 uumameera.

Dabalataan Itti gaafatamaan siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii, gabaasa raawwii paartii dhiyeessaniin ‎Hooggansi haala Ji’oo Istiraateejii hubatee, haala qabatamaa naannoo isaan wal simsiisee akka hojjetee hojjechiisuuf leenjiin sadarkaan kennamaa ture, paartiifi uummata gidduutti wal hubannaan akka uumamu taasisuu himan.

Leenjiiwwan ilaalama mootummaa ida’amuu fi milkaa’ina dameewwanii, Labsiiwwan gubaafi injifannoowwan mootummaa ida’amuu irratti gaaraa hanga gadiitti milkaa’inaan raawwatamuunis ciminoota hojii ji’oottan jahan darbanii ta’uus himan.‎ Hojiiwwan ijaarsa aadaa dimokiraasii irratti hojjetamaa jiruun, filannoo bara kana gaggeeffamu, dimokiraatawaafi haqa qabeessa ta’ee akka xumuramuuf, Paartiin Badhaadhinaa ciminaan hojjetaa akka jirus himan.

Sosochiin adeemsa marii biyyaalessaa eegalame, caasaan mootummaa uummataatti siqee hojjechaa jiraachuunis, milkaa’ina filannoof galtee guddaadhas jedhan.

‎Aadaan siyaasaa duubatti hafaa ta’e ammas jiraachuun rakkoodha kan jedhan Obbo Namarraan, hooggansiifi uummatni ammas Ilaalchota boodatti hafoo kana qabsaa’anii dadhabsiisuu irratti waloon hojjechuu akka qaban dhaaman.

Dabalataan Gamaaggama gaggeeffamaa oole kana irratti Mootummaan Naannoo Oromiyaa karoora xiiqii marsaa 3ffaa bara 2018 hojiirra oolcheen galmoota gurguddoo kilaastera hawaasummaa dorgomummaa mirkaneessuufi ammayyummaa ijaaruuf ji’oota ja’an darbe hojii hojjetameen waadaa gochaan dhugoomsaa jiraachuun ibsameera.

Haaluma kanaan ji’oottan jahaan darbanitti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojii hojjetameen manneen barnootaa bu’uura boruu 2,786, mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa 249 fi manni jireenyaa barsiisaa 27,412 ijaaramaniiru.

Gama fayyaa hawaasaa eeguutiinis hojiin tajaajila fayyaa haadholiifi daa’immaniitiif xiyyeeffannoon kan kenname yoo ta’u talaallii guutuun daa’imman 782,075 kennameera, hordoffiin da’umsaan duraas haadholii 921,238 akkasumas hordoffiin da’umsaan boodaa dubartoota 862,609 kan taasifame yoo ta’u da’umsi ogeeyyiin deeggarame 709,355 raawwatameera.

To’annoo dhibeewwaniin walqabatee dhukkuba kooleraa godina Arsiifi Shawaa bahaa namoota 469 irratti mul’atee turee osoo balaa hin geessisiin kan to’atame yoo ta’u, dhukkuba Busaa ittisuufis Aanota 51 gandoota 1,089 keessatti saaphana siree raabsuun hawaasa mil.4.8 dhaqqabuun danda’ameera. Kana malees, Aanota 15 gandoota 429 keessatti biiffaa keemikaalaa gaggeessuun namoota mil.1.5 ol dhibee Busaa jalaa baraaruun danda’ameera.

Dhukkuba Gifiraa godinoota 5 aanalee 12 keessatti namoota 294 irratti mul’atee tures too’achuun kan danda’ame yoo ta’u dhukkuba Maariyyee Jaldeessaa ittisuufis hawaasaa mil.3.6 oliif hubannoon kennuun hojii ittisaa irratti xiyyeeffannoon hojjetameera.

Hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuufis dubartootni 234,618 qarshii bil. 1 oliin hojiitti galaniiru. Dubartoota 166,683 liqii qarshii bil.5 akka argatan taasifame yoo ta’u harka qalleeyyii 65,082 manni jireenyaa  ijaaramuun dabarfamee kennameera.

Gama Turiizimiitiinis dhaadhessa gabaafi Turiizimii dijitaalessuu, baay’ina turistoota biyya keessaafi alaa dabaluun galii damichaa guddisuu, investimentii Turizimii cimsuun misooma Turiizimii naannichaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee milkaa’inni argameera. Gama misooma Afaaniin dogoggoroota barreeffama jiru sirreessuuf tarkaanfiin fudhatamaa jira. Haaromsa aadaa Oromoo eegalamee jiru milkeessuuf mariin kutaalee hawaasa garaagaraa xiyyeeffannoon gaggeeffamaa jiraachuunis himameera.

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Biyyoonni Awurooppaa shan baqattoota...

Biyyoonni Awurooppaa shan baqattoota iyyanni koolugaltummaa isaanii kufaa ta’e gara...

Waajjirri Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa...

Waajjirri Barnootaa bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa...

Dhagaa bu’uuraa osoo hin...

Mootummaan Naannoo Oromiyaa qixa barbaadamuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf bu’uuraalee misoomaa...

Scroll to Top