Dhagaa bu’uuraa osoo hin taanee piroojektoota bu’uuraa ijaarra!
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qixa barbaadamuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf bu’uuraalee misoomaa rakkoo hawaasaa furuu danda’an saffisa, baay’inaa fi qulqullinaan hojjechuun tajaajilaaf banaa taasisaa jira.

Haaluma kanaan, Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti bara kana pirojektoota garaa garaa hirmaannaa uummataa fi baajata mootummaa qarshii Biliyoona 8.2 oliin hojjetamuun eebbifamanii jiru.
Bulchiinsa aanaa Noonnoo zoonii jammoo 3ffaatti M/barumsa bu’uura Boruu harbuu
Bakka hoggantoonni motummaa fi hawaasni argaamniti eebbifamee jira.
Saganticha irrattis sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu dabalatee hoggansi olaanoo magaalichaa, hoggansi kutaa magaalichaa fi qaamoleen hawaasaa gara garaa argamaniiru.

Kutaa magaalichaatti pirojektootni baajata mootummaa fi hirmaannaa ummataatiin hojjetamanii tajaajila uummataaf qophaa’anii jiranis mana harka qalleeyyii (low cost house), diichii, industirii godoo, daandii cirrachaa, mana barumsaa bu’uura boruu, misooma koriidarii, giddu-gala gabaa, mana murtii aadaa ol dabarfannaa, mana dubbisa kitaabaa fi kanneen biroo fa’aa ta’u.

Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Magaalaan Shaggar Agarsiisa invastimantii...
Bulchiinsi Magaalaa Shaggar agarsiisa invastimantii idil addunyaa kan bara 2025...
Oromiyaatti galma Inisheetivii Bunaa...
Oromiyaatti galma Inisheetivii Bunaa milkeessuuf sanyii buna fooyya’aa babal’isuun xiyyeeffannoon...
Naannoo Oromiyaatti Godinaaleen 8...
Godaansi seeraan alaa gaaga’ama lubbuu namaafi mancaatii qabeenyaa hordofsiisuun jiruuf...

Yaada Kenni