Naannoo Oromiyaatti Godinaaleen 8 godaansa seeran alaatiif saaxilamoodha.


Godaansi seeraan alaa gaaga’ama lubbuu namaafi mancaatii qabeenyaa hordofsiisuun jiruuf jireenya maatiifi biyyaa miidhaa jira. Keessattuu dargaggoonni sababa hojii barbaachaaf daangaa qaxxaamuruun gara biyyoota birootti godaanan rakkoo kanaaf saaxilamaa jiru.

Mootummaanis rakkoo godaansa seeraan alaatin mudachaa jiru maqsuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjachaa jira. Rakkoowwan hawaas diinagdee dargaggootaa furuufis kan hojjataa jiru yoo ta’u, dargaggoota ogummaan gahoomsuufi rakkoo dhiyeessii faayinaansiin wal qabatanii jiran  furuun carraa hojii biyya keessatti bal’inaan uumuun godaansa seeran alaa hambisuuf hojjachaa jira.

Biiroon dhimma hojjetaafi hawaasummaa naannoo Oromiyaa imaammataafi tarsiimoo mootummaan baase galmaan gahuuf bobbii hojii biyyooleessa bu’a qabeessa taasisuun rakkoolee godaansa seeraan alaatiin muudachaa jiru hambisuuf xiyyeeffannaan hojjataa kan jiru ta’uu hoogganaan Biiroo dhimma hojjataafi hawaasummaa Oromiyaa Obbo Araarsoo Biqilaa ibsa addatti Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatif kennaniin ibsanii jiru.

Godaansi seeraan alaa  gaaga’ama lubbuu, miidhaa qaamafi mancaatii qabeenyaa qaqqabsiisuun nama dhuunfaa bira darbee biyya  kan miidhu ta’uu kan eeran Obbo Araarsoon, rakkoo kana hir’isuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Dargaggeessi jijjiirama biyyaa dhugoomsuu keessatti bakka olaanaa qabuufi abdii egeree biyyaa ta’e, faddaltotaan gowwoomfamuun godaansa seeran alaatiif saaxilamuu irraa  ofqusachuu akka qabu kan himan obbo Araaraoon dargaggoonni aadaa hojii tuffachuu keessaa bahanii carraa biyya keessa jirutti fayyadamuun  dinagdeen of ijaaruun maatifii biyyasaaf wabii ta’uu akka qaban dhaamaniiru.

Gama biraatiin lammiileen karaa seera qabeessa ta’een biyya alaa deemanii hojjachuu kan danda’aniifi kanaaf immoo  leenjii hojiin duraa fudhachuun barbaachisaa ta’uu obbo Araarsoon ibsanii jiru.

Naannoo Oromiyaatti Godinaaleen saddeet godaansa seeran alaatiif saaxilamoo ta’uu qorannoon kan adda baheefi kana hambisuuf dhaabbilee mootummaafi miti mootummaa waliin qindoominaan kan hojjatamaa jiru ta’uus ibsaniiru

Ejansiifi Faddaaltota biyya keessaafi alaa walitti hidhamiinsa faayidaa uumuun godaansa seeran alaarratti bobba’uun lammilee rakkoolee wal xaxaaf saaxilaa jiran irratti tarkaanfin seeraa kan fudhatamu ta’uufi uummannis kana beekee namootaafi dhaabbilee gocha seeraan alaa kana irraatti bobba’an saaxiluu akka qabu Obbo Araarsoo Biqilaa dhaamaniiru.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Hoggansaafi Hojjettoota Waajjira Caffee...

  Leenjiin Hoggansaafi Hojjettoota Waajjira Caffee Oromiyaaf kenname kun “Naamusaafi...

Waajjirri Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa...

Waajjirri Barnootaa bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa...

Jiraattonni miiliyoona 19.1 waraqaa...

Itiyoophiyaatti mirga waraqaa raga jiraattotaa mirkaneessuuf, tajaajilamtootaa fi tajaajila kennitoota...

Scroll to Top