Hoggansaafi Hojjettoota Waajjira Caffee Oromiyaaf Leenjiin kenname


 

Leenjiin Hoggansaafi Hojjettoota Waajjira Caffee Oromiyaaf kenname kun “Naamusaafi Gahee Paablik Sarvaantiin Badhaadhina Milkeessuu Keessatti Qabu” mata duree jedhu irratti kan kennameedha.
 
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, xumuura leenjii kanaa irratti argamuun hojjettoota gidduutti tokkummaan, miirri tajaajila si’eessuufi kaka’uumsi hojii akka jiraatuuf waloomaan waltumsanii milkaa’ina hojiif aadaan waliin hojjechuu jiru akka dagaaguuf, Bara Haaraa sababeeffachuun hojjettoota 27f deeggarsa meeshaalee nyaataa taasisanii jiru.
Imalli Badhaadhinaa jalqabne, dhaabbilee ciccimoo gaaffii ummataa deebisuufi miira tajaajiltummaa gonfachuun itti quufiinsa lammiilee mirkaneessuu danda’aniin galma gaha kan jedhan Kab. Aadde Sa’aadaan, Hooggansiifi Hojjettoonni Waajjira Caffee Oromiyaas, leenjiin kun imaammataafi tarsiimoo mootummaan Badhaadhina mirkaneessuuf qabatee hojjechaa jiru milkeessuu keessatti gahee qaban beekanii, raawwii hojii isaanii bu’aan madaaluu akka danda’aniif kan gargaarudha jedhan.
Itti Gaafatamaan Waajjira Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Taarikuu Nagaash, Paablik Sarvaantiin galmoota gurguddoo Mootummaan qabatee hojjechaa jiru akka milkaa’u taasisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibsan.
 
Kanaaf, akka Waajjira Caffeettis hojiiwwan karoorfaman milkaa’uu akka danda’aniif Paablik Sarvaantiin jiru gahee isaa beekee naamusa olaanaan raawwachuu akka danda’uuf yeroo yeroon leenjiiwwan dandeettii isaanii cimsan kennamaa kan ture yommuu ta’u, leenjiin kunis bifa kanaan karoorfamee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Shaggariitti Manneen Daldalaa 1000...

Magaalaa Shaggaritti fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf Manneen Daldalaa 1000 Qonnaan...

“Shaggar erga hundaa’ee carraa...

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti bara kana pirojektoota garaa...

Waggoottan jijjjiiramaa asitti Mootummaan...

Hojii hanga ammaa hojjetameenis horsiisee bulaan deeggaramurraa gara oomishtummaatti ce’uun...

Scroll to Top