Waajjirri Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gamaaggama raawwii hojii Gumii Tiraanisfoormeeshinii Manneen Barnootaa gaggeessaa jira.
Kan Maxxanse: moadmin |
Onkololeessa 7, 2025

Waajjirri Barnootaa bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa Gumii Tiraanisfoormeeshinii Manneen Barnootaa gaggeessaa jira.
Sagantaa kana irrattis Afa-yaa’ii Mana Maree Magaalaa Shaggar Obbo Qaabatoo Albee, Itti aantuu Afa-Yaa’ii Aadde Tsahaay Dabalee, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu dabalatee ogeeyyii Barnootaa, Barattoota qormaata qabxii olaanaa kutaa 12ffaa galmeessaniifi maatiin barattootaa argamaniiru.

Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar obbo Alamaayyoo Tulluu akka ibsanitti, mirgaafi dhaqqabamummaa carraa Barnootaa lammiilee babal’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka kan ibsan, Magaalaa Shaggarittis hojii waliigahinsaafi dhaqqabamummaa barnootaa milkeessuuf waggoottan jijjiiramaa keessatti hojiiwwan gurguddaan milkaa’uu ibsaniiru.
Keessumattuu manneen Barnootaa Tekinooloojiin utubuufi Dijitaalessuuf hojii hojjetameen bu’aan fooyya’aa argamaa jiraachuus kan himan, Babal’inaafi Qulqullina barnootaa akkaataa istaandardii taa’een milkeessuufis xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabus ibsaniiru.
Itti Gaafatamaa Waajjira Barnootaa Magaalaa Shaggar Obbo Firakiyyaa Kaasahuun gama isaaniitiin hundeeffama Magaalichaa hordofuun dhaloota gahumsaan dorgomaa ta’eefi naamusa gaarii gonfachuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee ofii bahachuu danda’an horachuuf hojii hojjetameen bu’aawwan gurguddaan argamaa jiraachuu ibsaniiru.
Sagantaa kanaanis Barattoota Qormaata Biyyaalessaa qabxii olaanaa galmeessaniif beekamtiin ni kennama.
Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Biiroon Qonnaa Oromiyaa hojii...
Biiroon Qonnaa Oromiyaa hojii kunuunsa qabeenya uumamaafi misooma sululaa bara...
Magaalaan Shaggar Agarsiisa invastimantii...
Bulchiinsi Magaalaa Shaggar agarsiisa invastimantii idil addunyaa kan bara 2025...
Komishiniin Gumruukaa Itiyoophiyaa qajeelfama...
Komishiniin Gumruukaa Itiyoophiyaa qajeelfama tilmaama gatii gumruukaa haaraa irratti fichisiistota,...
Yaada Kenni