Magaalaan Shaggar Agarsiisa invastimantii idil addunyaa kan bara 2025 ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenne

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar agarsiisa invastimantii idil addunyaa kan bara 2025 kan qopheesse yoo ta’u sagantaan kunis bor irraa eegaluun guyyoota sadiif kan geggeeffamuudha.
Kantiibaan magaalaa shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa ibsa kennaniin; investimentiin jijjiirama magaalaa tokkoof gahee guddaa kan taphatu ta’uu fi kana bu’uura godhachuun agarsiisni investimentii idil addunyaa kun kan qoohaa’e tahu himanii jiru.
Shaggar adeemsa isaa adda baasee gara hojiitti kan seene yoo ta’u, magaalaa ammayya’aa fi magaalaa beekumsa irratti bu’ureffamte akkasumas tajaajila mootummaa fi hawaasa cimaa ijaaruu irratti kan bu’uureffamte yoo ta’u akkasumallee investimentii garaa garaa hojjechuuf erga adda baaseen booda hojiitti seenee kan jiru ta’uu Dr. Tashoomaan himaniiru.
Shaggar haala addaa haala ammayyaa ta’ee fi bu’aa argamsiisuu danda’u irratti waan xiyyeeffateef bu’a qabeessummaa argatee jira jechuun Kantiibaan magaalichaa himaniiru.
Investimentiin idil addunyaa magaalaa shaggaritti qophaa’e kunis faayidaa inni qabu Magaalaa beeksisuu, walitti dhufeenya uumuu, hubannoo uumuu, investimentii magaalaa guddisuu fi magaalaan shaggar gahee inni biyya keenya keessatti qabu akka beekamu kan taasisuu dha.
Akkasumallee sagantaa kanaan kalaqa garaa garaa fi gama aadaaf tuurizimiitiin agarsiisni kan dhiyaatu fi inveesteroota cicciimoof beekamtiin kan kennamu ta’a.
Bu’aan sagantaa kanaas namoonni kums 5 ol kan irratti hirmaatan yoo tahu abbootiin qabeenyaa 190 ta’an ammoo oomisha isaanii kan itti dhiyeeffatanii dha.
Sagantaa kana adda kan godhu mariin addaa addaa hayyoonnii fi qaamoleen garaa garaa muuxannoo isaanii kan itti qoodan akkasumas qonnaan bultoonni hirmaachuun leenjii kan itti fudhatanii fi qotee bultoota ciccimoof ammoo beekamtiin kan kennamu ta’uu Dr. Tashoomaan himanii jiru.
Itti dabaluunis karoor Bara 2018ttis investimentii haaraa investeroota 2350f lafa heektaara 3500 ol qopheessuun hojiitti seenuuf qophii xumuranii kan jiran tahuu Kantiibaan magaalaa shaggar himanii jiru.
Sagantaa kanarrattis, abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa 190 ta’an oomisha isaanii kan dhiyeessan yoo tahu,sagantichi Waxabajjii 28-30/2017tti magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’a.
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaa...
Dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaa mata duree “dhabuudhan baayyanachuu...
Iraan sababa waraana Ameerikaa...
Iraan sababa waraana Ameerikaa fi Israa’el waliin taasifteen kallattiinis ta’e...
Namichi Afgaanistaan loltoota Ameerikaa...
Namichi Afgaanistaan loltoota Ameerikaa haleele torban hedduudhaaf kophaa isaa...

Yaada Kenni