Dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaa mata duree “dhabuudhan baayyanachuu jedhuun” guyyaa har’aa Kutaalee magaalotaa hunda keessatti bakka hoggansi Sadarkaan jiruufi kutaaleen hawaasaa hedduun argamanitti ifatti eegalameera.
Dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaa mata duree “dhabuudhan baayyanachuu jedhuun” guyyaa har’aa Kutaalee magaalotaa hunda keessatti bakka hoggansi Sadarkaan jiruufi kutaaleen hawaasaa hedduun argamanitti ifatti eegalameera. 
Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomee Addunyaan durfamu dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaa mata duree “Dhaabuudhaan Bayyanachuu ” jedhuun eegalchiiseera.
Haaluma Kanaan Magaalaa Shaggaritti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin biqiltuun gosa garagaraa miiliyoonni 18.9 kan dhaabbatu yoo ta’u, bifa kanaanis kutaa magaalaa Kura Jiddaa keessatti sirni biqituu dhaabuu gaggeeffamee jira. 
Magaalli shaggar magaalaa diinagdee mirkaneessuu kan danda’u eegumsa naannoo yoo cimuu barbaadne naannoo keenya eeguu kunuunsuun bu’aa guddaa kan qabaatu ta’uu Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomee Addunyaan himaniiru.
Itti Dabaluun ”Diinagdee cimaa ijaaruuf naannoo keenyae eguu fi kunuunsuu nu barbaachisa. Biyyoonni kanneen biraan diinagdee guddaa kan qabaatan sababii ashaaraa magarisaan addunyaa guddaa irraa jiraaniifi eegumsa guddaan waan hojjetaniifi nutis kana beeknee magaalaa shaggar diinagdeedhaan cimsuu yoo barbaanne ashaaraa magariisa keenya cimsuutu nurra jiraata” jedhan.
Dr. Tashoomaan itti dabaluun “sadarkaa addunyaatti magaalaan tokko diinagdeedhaan kan guddatte hojiin gama ashaaraa magariisaatiin hojjetan guddaa waan ta’ef, nus akka Shaggaritti karoora yeroo gabaabaatti bahe hordofnee maqaa biyya keenyaa addunyaatti beeksisuu qabna “jedhan. 
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa akka Magaalaa Shaggaritti eegalchiifamu ilaalchisee Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Qindeessaan Kilaastara Qonnaafi Misoomaa Obbo Girmaa Haayiluu ibsa kennaniin bara kana biqiltuu miiliyoona 18.9 dhaabbatu keessaa miiliyoonni 16 ol biqiltuu bosonaa yoo ta’u mil 2.1 ol ammoo kan miidhaginaa fi nyaataaf oolan ta’uu eeruun guddisuu fi Dhaabbii biqiltuu bara kanaa adda kan godhu biqiltoota faayidaa nyaataaf oolan akka Aappilii, Avokaadoo, loomii fi kan biroo irratti xiyyeeffannoon kennamee karaa ogummaan deggaramee fi kilaastaraan kan dhaabbatu ta’uu ibsaniiru.
Sana keessaas kutaan magaalaa Kuraa Jiddaa naannoo irratti dhaabamuuf filatamte keessaa tokko ta’uu ishee himaniiru.
Akka Magaalaa Shaggaritti dhaabbii biqiltuu bara 2015 irraa eegalee hanga 2017 gaggeeffamuun uwwisa bosonaa %11.7 irra ture gara %21.31tti guddisuu himuun Magaalichatti sadarkaan latiinsa biqiltuu dhibbantaa 70 (%70) irra gahuus Obbo Girmaan dubbataniiru. 
Obbo Tamaam Huseen bulchaa kutaa magaalaa Kura Jiddaa ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsuun dhaadannoo dhaabuudhaan baayyaannachuu jedhu jalqabbiin akka kutaa magaalaa kanatti taasifamuu isaatiif gaammachuu guddaatu nutti dhaga’ama jechuun, biqiltuu dhaabame kanaan fayyadamummaa dargaggootaa, qonnaan bultootaa fi uummataa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa qaba. Haala kanaanis lafa heektaara 40.2 irratti bu’aa nyaataa mirkaneessuuf biqiltuu aappilii dhaabame kana kunuunsuuf dhaloonni hunduu gahee qabaachuu ibsaaniru.
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Birriin Itoophiyaa jijjiirraa tarree...
Baankiin Giddugaleessaa Raashiyaa odeeffannoo halkan edaa ifoomseen, birrii Itoophiyaa tarree...
Afgaanistaanitti Daa’imni gommaa xiyyaaraa...
Afgaanistaanitti Daa’mti Umurii Ganna 13 kan Lammii Afaanistaan ta’e osoo...
Gamtaa Afrikaatiin kan qophaaye...
Konfiraansiin Qonna Dijitaalaa Gamtaa Afrikaatiin qophaaye inni jalqabaa har’a waajjira...

Yaada Kenni