Birriin Itoophiyaa jijjiirraa tarree sharafa maallaqaa Baankii Raashiyaa keessatti dabalame


Baankiin Giddugaleessaa Raashiyaa odeeffannoo halkan edaa ifoomseen, birrii Itoophiyaa tarree sharafa maallaqaa gara Ruubilitti taasiifamu keessatti dabaleera.
Kana jechuun Birrii gara Ruubilitti, Ruubilii ammoo gara Birriitti jijjiiruun ni danda’ama jechuudha.
Haaluma kanaan baankichi birriin Itoophiyaa 1 Ruubilii Raashiyaa 0.575872n yookaan birrii 100f Ruubilii Raashiyaa 57.5872 akka sharafamu beeksiseera.
Baankichi sharafa birrii Itoophiyaa har’aatiif koodii lakkoofsa 230 kan kenne yoo ta’u, gara fuulduraa ammoo sharafa isaa guyyaa guyyaa kan ifoomsu ta’uun ibsameera.
Baankiin Giddugaleessaa Raashiyaa Birrii Itoophiyaa dabalatee maallaqa biyyoota 12f shalaggii akka kaa’u murteessu isaa gabaasuun keenyaa ni yaadatama.
Kanaanis baankichi birrii Itoophiyaa dabalatee maallaqa biyyoota 12 gara tarree sharafa Ruubilitti kan dabaleera jechuun odeeffannoon Baankii giddu-galeessa Raashiyaa irra arganne ni mul’isa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

LEENJII MAGAALAA AMBOO

Hirmaattota Leenjii Daldalaa Mo’aa, Dargaggoo Mo’aa fi Gaggeessaa Mo’aa M/Ambootti...

Itiyoophiyaan itti gaafatamummaa seena...

Jijjiirama waggoota saddeet darban keessatti bu’aa gama hedduu Itoophiyaan galmeessitee...

LEENJII MAGAALAA AMBOO

“Gaarri Waaqayyo Itti Ol Ba’u Hin Jiru Gaara Waaqayyo Itti...

Scroll to Top