Itiyoophiyaan itti gaafatamummaa seena qabeessa ce’umsa teeknooloojii Afrikaa hoogganuu fudhattee jirti.

Jijjiirama waggoota saddeet darban keessatti bu’aa gama hedduu Itoophiyaan galmeessitee fi hoggansi Ministira Muummee Abiy Ahmad (PhD) waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti beekamtii wal irraa hin cinne argachaa jira.
Yeroo murteessaa Afrikaan haala teeknooloojii haaraa keessatti maqaa ishee galmeessisuuf carraaqqii gochaa jirtu kanatti, Yaa’iin Gamtaa Afrikaa Muummicha ministeeraa Abiy Ahmad (PhD) Ardichaatti Hogganaa AI fi Dijitaalaa Fayyaa ta’uun muudamuu isaa beeksise.
Muudamni kun jijjiirama qabatamaa biyyi keenya damee kanarratti taasisaa jirtu tilmaama keessa kan galchuudha.
Itiyoophiyaan bara 2012tti Inistiitiyuutii Hubannaa Namtolchee Afrikaa keessatti isa jalqabaa hundeessuun damee kanaan guddina guddaa agarsiisaa jirti.
Kunis Ityoophiyaan yuunivarsiitii Hubannoo namtolchee addunyaa lammaffaa fi Afrikaa keessatti isa jalqabaa banuuf qophii taasiftees beekamtii kan kennuudha. Kunis ardiin kun gama teeknooloojiitiin hiree mataa ishee murteessuu fi teeknooloojii nagaa, fayyaa fi misoomaaf akka fayyadamtu Kutannoo siyaasaa cimaa uuma.
Jijjiirama qonnaa fi milkaa’ina misooma qamadii

Milkaa’inni Itoophiyaan qamadii biyya alaarraa galchuurraa irraa gara biyya alaatti erguun jijjiiramuun ishee fakkeenya biraa ce’umsa dinqisiifannaa idil-addunyaa argateedha.
Kanaafis A.L.A tti bara 2024 keessa Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (FAO) kabaja olaanaa dhaabbatichaa kan ta’e Meedaaliyaa ‘Agricola’ jedhamu Ministira Muummee Doktar Abiy Ahimadf kenneera.

Badhaasni kun Ministirri Muummee wabii nyaataa, fooyya’iinsa sirna nyaataa, fi keessumaa misooma qamadii ganna jallisiin misoomu irratti kutannoo addaa fi saffisaan hojiirra oolchuu isaaniitiif kenname.
Itiyoophiyaan yeroo ammaa Afrikaa keessatti qamadii al-ergii guddaa ta’uun ishee bu’a qabeessummaa hoggansa ishee mirkaneessa.
Ashaaraa magariisaa fi eegumsa naannoo

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 eegalame Itoophiyaan eegumsa naannoo addunyaa irratti moodeela addunyaa akka taatu dandeessiseera.
Hanga har’aatti biqiltuun biiliyoona 48 ol dhaabamuun uwwisni bosona Itoophiyaa haalaan dabaleera.
Bu’aa kanaan, A.L.A bara 2025 keessa Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa (FAO) Itiyoophiyaaf gosa “Hoggansa fi Itti Fayyadama Bosonaa Itti Fufiinsa Qabu” jedhamuun beekamtii idil addunyaa kenneera.
Ce’umsa turizimii fi ammayyeessuu magaalaa

Beekamtiiwwan idil Addunyaa wal duraa duubaan kennamaa jiran kunneen Falaasamni Idaa’amuu (Medemer) Itiyoophiyaan hordofaa jirtu qabatamaan firii godhachaa akka jiru kan mirkaneessudha.
Biyyi keenya haalli idil-addunyaa yeroo qormaata ta’e keessattillee daandii misoomaa mataa ishee bocuun milkaa’uu akka dandeessu addunyaatti agarsiifteetti.

Beekkamtiin kun, wabii nyaataa irraa kaasee hanga abbaa biyyummaa teeknooloojiitti, waltajjiiwwan ardiilee fi idil-addunyaa irratti mul’achuu Itoophiyaa guddisuu qofa osoo hin taane, sochii guddaa dhaloota dhufuuf abdii facaasuudha.
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Manni Maree Bakka Bu’oota...
Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koree Dhaabbiin Dhimmoota Magaalaa, Bu’uuraalee...
”Waadaa Gochaan Filannoodhaa hanga...
Sagantaan Egzibiishinii raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darban irratti...
Sagantaa Waldorgommiifi Agarsiisa Ogummaa,...
Sagantaa waldorgommiifi agarsiisa ogummaa, teeknooloojii, yaadama biizinasiifi qorannoo gochaa marsaa...

Yaada Kenni