Namichi Afgaanistaan loltoota Ameerikaa haleele torban hedduudhaaf kophaa isaa kutaa dukkanaa keessa ture.
Namichi Afgaanistaan loltoota Ameerikaa haleele torban hedduudhaaf kophaa isaa kutaa dukkanaa keessa akka ture gabaafame.
Lammiin Afgaanistaan torban darbe Waashingitanitti loltoota Eegdota Biyyaalessaa Ameerikaa irratti dhukaasuun shakkame kun torbanootaaf kophaa isaa kutaa dukkanaa’aa keessatti dabarsuun rakkoo miidhama sammuutiin rakkachaa akka ture barreeffamni imeeliidhaan wal jijjiiramaa ture ni mul’isa.
Yaadannoowwan kana kan barreessan bara 2024 shakkamaan Afgaanistaan irraa baqatee dhufee fi maatiin isaa yeroo gara Ameerikaa seenan gargaaraa kan turan nama hojjetaa gargaarsa hojjetu tokko faana akka tahe himamee jira.
Rahmanullah Lakhanwal haleellaa tasaa raawwateen miseensa eegdota biyyaalessaa kan ganna 20 Saaraa Baakster ajjeesuu fi dargaggeessa ganna 24 Andireew Woolfe akka malee madeesse jedhamuun himatame.
Angawoonni akka jedhanitti, Lakhanwaal ganna 29 yoo tahu bara 2021 sagantaa namoonni loltoota Ameerikaa Afgaanistaan keessatti gargaaraa turan koolugaltummaa akka argataniif sagantaa baheen akka tahe ifoomsaniiru.
Iimeeliin CBS News, michuu BBC US kan ta’e argate akka agarsiisutti, Lakhanwaal dhimma fayyaa sammuutiin rakkachaa akka ture ni mul’isa.
Haadha warraa isaa fi ijoollee isaa shan waliin magaalaa Beeliinghaam Waashingitan keessa jiraachaa kan ture Lakhawaal, haleellaa kana akka raawwatu maaltu akka kakaase hin beekamu.
Garuu iimeelonni bara darbe dhaabbata godaantota waliin hojjetu ‘U.S. Committee for Refugees and Immigrants’ irraa ergame jireenyi Lakhawaal Ameerikaa keessatti maal akka ture ifa gochuu jalqabaniiru.
Hiriyaan ijoollummaa Lakhanwaal torban darbe gaazexaa Niwu Yoork Taayims waliin gaaffii fi deebii taasisees, Afgaanistaan keessatti tajaajila waraanaa erga godhee booda rakkoon fayyaa sammuu akka isa mudate dubbateera.
Lakhanwal ‘Zero Unit’ kan jedhamu CIA waliin kan hojjetu kutaa basaasaa fi waraanaa Afgaanistaan keessaa hojjechaa akka ture Miseensi Raayyaa Ittisaa fi Nageenyaa Afgaanistaan duraanii kan ta’an CBStti himaniiru. Daarektarri CIA Joon Raatkiliif namichi kun dhaabbata basaasaa Ameerikaa waliin akka hojjetus mirkaneessaniiru.
Haleellaa Waashingitan D.C. guyyoota muraasa booda, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp godaansa ‘biyyoota addunyaa sadaffaa’ hunda irraa dhufu akka dhaaban dubbataniiru.
Iyyanni koolugaltummaa hundi hanga gamaaggamni dhumaa xumuramutti addaan citee jira.
Lakhanwaal, miidhaa taatee kanaan irra ga’een hospitaala keessatti yaalamaa kan jiru yoo ta’u, himannaan ajjeechaa isa eeggachaa jira.
Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Itoophiyaa Invastimanti Hooldings fi...
Itoophiyaa Invastimanti Hooldings fi Daangootee Giruuppi gidduutti waliigaltee ijaarsa Kompileeksii...
Gamtaa Afrikaatiin kan qophaaye...
Konfiraansiin Qonna Dijitaalaa Gamtaa Afrikaatiin qophaaye inni jalqabaa har’a waajjira...
Qonnaan Bultoota adda duree...
Waajjirri Qonnaa Magaalaa Shaggar Sosochiin Leenjii Inisheetiivii Misooma Beeyiladaa sadarkaa...

Yaada Kenni