Qonnaan Bultoota adda duree waldaaleefi ogeeyyii Qonnaa |Magaalaa Shaggariif Leenjiin Kennamaa jira.
Kan Maxxanse: moadmin |
Fulbaana 25, 2025

Waajjirri Qonnaa Magaalaa Shaggar Sosochiin Leenjii Inisheetiivii Misooma Beeyiladaa sadarkaa kilaasteraafi Badhaadhina Maatii irratti hooggantootaa ,Qonnaan Bultoota adda duree waldaaleefi ogeeyyii Qonnaa magaaliichaaf kennaa jira.
Itti Aanaa Kantiibaafi Qindeessaan Kilaastara Qonnaafi Misoomaa Magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Haayiluu, Magaalaan Shaggar Magaalaa yeroo calqabaaf Qonnaan bulaa hammachuun ijaaramte ta’uu ibsanii, Magaalaa Shaggar gidduugala dinagdee, Induustiriifi teknoloojii taasisuuf hojii hojjetameen bu’aawwan guddina dinagdee biyyaa utuban akka galmaa’ee himaniiru.
Inisheetiviin Misooma Beelaydaa – furdiisa Loonii , oomisha Aannaanii , horsiisa qurxummii, Oomisha Dammaafi Booyyeen Magaalichatti hojjetaman milkaa’inoota Badhaadhina Maatiifi faayyadamummaa Qonnaan bultootaafi jiraattootaa mirkaneessaan akka galmaa’e ibsuun , Bara 2018 Sheediwwan 9000 ol akka Magaalichaatti ijaaruuf karoorfaman keessatti Qonnaan bulaa ijaaruun fayyadamummaa isaanii caalmaatti mirkanesssuuf hojjetamuu akka qabuus himaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Magaalaa Shaggar Obbo Dajanee Beqelee Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya Qonnaan Bulaa jijjiiruuf Damee Qonnaa irratti xiyyeeffannoo itti kennuun hojjechaa jiraachuu himanii, Galmoota Qonnaan Arfaan akka Magaalichaatti dhugoomsuuf hojii hojjetame bu’aa adda addaa guddina dinagdee Magaalichaa saffisuun fayyadamummaa qonnaan bultootaafi jiraattootaa mirkaneessan galmaa’uus dubbataniiru.
Milkaa’inoota argamaniif leenjiin yeroo yeroon kenname iddoo guddaa akka qabu ibsanii , baayyina ummataa dabaluun rakkoowwan hanqina nyaataa, sirna nyaataa, qaala’insa jireenyaafi hojii dhabdummaa furuuf teknoloojii qonnaa ammayyaa’aa fayyadamuufi hanqinoota hojii keessatti mul’atan hiikuun hojii qonnaa milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjetaa akka jiran dubbataniiru.
Leenjii Kennamaa jiru irratti Itti Aanaa Kantiibaafi Qindeessaan Kilaastara Qonnaafi Misoomaa Obbo Girmaa Haayiluu, Hooggantuu Mana qopheessaa Magaalaa Shaggar addee Roozaa Mohaammadd, Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Magaalaa Shaggar Obbo Dajanee Baqqalee f hooggantootni kutaa Magaalaa, akkasumas Qonnaan Bultoota adda dureefi ogeeyyiin qonnaa irratti argamaniiru.
Magaalaa Shaggariitti Wabii Nyaataa mirkaneessuu, Oomisha Al – ergii dabaluu, Oomisha biyya alaa galu kan biyyaan bakka buusuufi Carraa hojii uumuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Magaalli Shaggar bakka gurgurtaa qofa osoo hin taane, bakka oomishaa taasisuuf Qonna Magaalaa irratti xiyyeeffatamee hojii hojjetameenis bu’aawwan adda addaa galmaa’aniiru.
Inisheetiviin Misooma Beelaydaa – furdiisa Loonii , oomisha Aannaanii , horsiisa qurxummii, Oomisha Dammaafi Booyyeen Magaalichatti hojjetaman milkaa’inoota Badhaadhina Maatiifi faayyadamummaa Qonnaan bultootaafi jiraattootaa mirkaneessan galmaa’eera.
Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Manni Maree Magaalaa Shaggar...
Manni Maree Magaalaa Shaggar Yaa’ii Idilee 9ffaa kurmaana 3ffaa bara...
Waajjirri Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa...
Waajjirri Barnootaa bulchiinsa Magaalaa Shaggar Gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa...
Tiraamp BBC’n maqaa koo...
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp himata maqaa balleessii doolaara biiliyoona shanii...
Yaada Kenni