Manni Maree Magaalaa Shaggar Yaa’ii Idilee 9ffaa Kurmaana 3ffaa Bara 2017 Gaggeessuu Eegale
Manni Maree Magaalaa Shaggar Yaa’ii Idilee 9ffaa kurmaana 3ffaa bara 2017 gaggeessuu eegalee jira.
Af-yaa’iin Magaalaa Shaggar Kabajamoo Obbo Qaabatoo Albee haasaa saaqinsaa taasisaniin, Yaa’ii idilee 9ffaa kanaan ajandaawwan Qaboo yaa’ii idilee 8ffaa mirkaneessuu, Gabaasa raawwii hojii CHU dhaggeeffachuun mirkanneessuu,
fi Wixinee Tumaa Iddoowwan Magariisuufi Bu’uuraalee Misooma Magariisuu Magaalaa Misoomsuu fi Bulchuuf bahe mirkaneessuu akkasumas Wixinee Tumaa Kaffaltii Waraqaa Eenyummeessaa jiraattota bulchiinsa magaalaa Shaggar mirkaneessuu tahuu himaniiru.

Yaa’ii kanarrattis, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu, Itti Aanaa Kantiibaa fi Qindeessaa Kilaastara Dinagdee Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo dabalatee hoggantootni magaalaa Shaggarii fi miseensotni Mana Maree Magaalaa Shaggar akkasumas abbootiin Gadaa fi haadholiin Siinqee argamaniiru.
Maddi:- Koominikeeshinii Magaalaa Shaggar
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Manni Maree Bakka Bu’oota...
Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koree Dhaabbiin Dhimmoota Magaalaa, Bu’uuraalee...
Itoophiyaa Invastimanti Hooldings fi...
Itoophiyaa Invastimanti Hooldings fi Daangootee Giruuppi gidduutti waliigaltee ijaarsa Kompileeksii...
Birriin Itoophiyaa jijjiirraa tarree...
Baankiin Giddugaleessaa Raashiyaa odeeffannoo halkan edaa ifoomseen, birrii Itoophiyaa tarree...

Yaada Kenni