Itoophiyaa Invastimanti Hooldings fi Daangootee Giruuppi gidduutti waliigaltee ijaarsa Kompileeksii Oomisha xaa’oo mallatteeffameera.
Kan Maxxanse: moadmin |
Hagayya 28, 2025

Itoophiyaa Invastimanti Hooldings fi Daangootee Giruuppi gidduutti waliigaltee ijaarsa Kompileeksii Oomisha xaa’oo mallatteeffamuu Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimed ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniim imala gara wabii nyaataan of danda’uufi ce’umsa qonnaatti taasisnuun sadarkaa biraarra waan geenyeef Itiyoophiyaanonni hundi baga gammaddan jedhaniiru.

Guyyaa har’aas Itiyoophiyaa Invastimanti Hooldingisifi Daangootee Giruuppi gidduutti waliigaltee Kompileeksii Oomisha xaa’oo mallatteessuu ibsuun Pirojektii guddaan kun baasii Doolaara biiliyoona 2 fi miiliyoona 500 kan hojjetamu, waggaatti xaa’oo hanga meetirik toonii miiliyoona sadii kan oomishuufi Itoophiyaa biyyoota xaa’oo oomishuun sadarkaa duraarra jiran keessaa tokko akka ishee taasisu ibsaniiru.
Kana malees pirojektichi carraa hojii biyya keessaa kan uumu, qonnaan bultoota waggoottaniif rakkachaa turaniif dhiyeessii xaa’oo amansiisaa kan mirkaneesssu ta’uus hubachiisaniiru.
Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfii murteessaan fudhatamuu kan mul’isu ta’uu kaasanii, guutuu ardiitti dorgomtummaa Itiyoophiyaan qabdu cimsuun ejjennoo cimaa invastimantii tarsiimawaa uummataafi egeree keenya fayyadan hojjechuuf qabnu agarsiisa jedhan.
Waliigaltee kana hordofees iddoo warshichi itti ijaaramutti ifatti kan eegalchiisan ta’uus ibsaniiru.
Imala seena qabeessa kana eegaluu eeranii, egeree qonnaan bultootaa, diinagdeefi Itoophiyaaf jennee ni xumurras jedhaniiru.
Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Bulchiinsa Magaalaa Shaggariifi Dhaabbata...
Bulchiinsa Magaalaa Shaggariifi Dhaabbata Simintoo Daangotee Itiyoophiyaa gidduutti warshaa Simintoo...
Hoggansaafi Hojjettoota Waajjira Caffee...
Leenjiin Hoggansaafi Hojjettoota Waajjira Caffee Oromiyaaf kenname kun “Naamusaafi...
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti torbeen...
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti torbeen Baazaarii fi...
Yaada Kenni