Magaalaa Shaggaritti waltajjiin gamagama raawwii hojii Mootummaa fi Paartii kan kurmaana 3ffaa fi kallattii qophii karoora bara 2018 irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.
Mo’aa: (April 29. 2025) Finfinnee

Sadarkaa itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa sagantaa kana irratti argamuun haasawa baniinsaa taasiisan kaayyoo guddaan marii kanaa hanqinaa fi ciminoota raawwii hojii kurmaana 3ffaa kana keessatti argaman adda baasuun ciminota daran jajjabeessuun hanqinoota mul’atan galtee karoora itti aanuu taasiisuun imala jalqabame dhugoomsuuf akka ta’e himaniiru.
Magaalaan Shaggar wayita hundeeffamu galmoota gurguddoo qabatee hojjechaa jiru milkeessuun imala badhaadhinaa jalqabame dhugoomsuuf marii kun shoora ol’aanaa akka qabu ibsaniiru.Magaalaa ammaayyaa fayyadamummaa hawaasaa keessatti dhugoome Magaalaa jiddugala teknoloojii fi turizimii namni kamiyyuu jireenyaaf filannoo taasiifatu uumuuf hojjetamaa jira,kana milkeessuuf mariin kun murteessaa akka ta’e Dr.Tashoomaan hubachiisaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu hojiilee hojjetamaa jiran hundi karaa yaadama ida’amuutiin hojjechuun fayyadamummaa hawaasa keenyaa mirkaneessuun Magaalaa sabdaneesummaa dhugaa namni kamiyyuu qixa fayyadamaa ta’e dhugoomsuuf shoora guddaa qaba jedhan.
Kana malees,qophii Karoora bara 2018 irratti marii bal’aa taasiisuun imala badhaadhinaa jalqabame dhugoomsuun dinagdee dam-daneessa ta’e dhugoomsuun Magaalaa egeree ijaaruun galma qabannee karaa gababaa keessatti milkeessuuf gumaacha guddaa akka qabu hubachiisaniiru.
Sagantaa jiddugala leenjii Akkaadaamii Afrikaatti gaggeeffamaa jiru kana irratti Af-yaa’ii Mana Maree Magaalaa Shaggar Kabajamoo Obbo Qabatoo Albee dabalatee, hoggansi ol’aanaa Magaalaa,Kutaalee Magaalaa fi Aanaalee hundi argamuun hirmaachaa jiru.

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/+G-nW09yKGddkOTI0
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Hojii Baruu fi Barsiisuu...
Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo hojiin baruufi barsiisuu rakkoo...
Konkolaataa Siinootiraakiin gabaa Itoophiyaaf...
konkolaataan fe’umsaa Chaayinaatti oomishamu Siinootiraak hanqina teeknikaa fi qulqullinaa qaba...
Oromiyaatti galma Inisheetivii Bunaa...
Oromiyaatti galma Inisheetivii Bunaa milkeessuuf sanyii buna fooyya’aa babal’isuun xiyyeeffannoon...

Yaada Kenni