Yemenitti Bidiruun Godaantota Lammileen Itoophiyaa Itti Imalaa Turan Dhidhimee Namoonni 65 lubbuun darban
Kan Maxxanse: moadmin |
Hagayya 4, 2025

Bidiruun Godaantotaa lammiileen Itoophiyaa 154 ittiin imalaa turan galoo galaana Yaman irratti dhidhimee, lammileen Itoophiyaa 68 du’uu, 74 kan ta’an ammoo achi buuteen isaanii akka hin beekamne Dhaabbanni Godaantotaa Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera.
Akka Gabaasa Addis Standard ‘tti godaantonni bishaan irratti bidiruun isaanii dhidhime kun hunduu lammilee Itoophiyaati.
Reeffi namoota galaana rratti du’anii handaara galaanaa kibba Yaman, Kutaa bulchiinsaa Abiiyaanitti argamuu fi duulli godaantota reeffi isaanii hin argamne barbaaduu itti fufee akka jirutu himame.
Hoogganaan Dhaabbata Godaantotaa IOM kan Damee Yaman, godaantota bidiruun ittiin dhidhime 154 ta’an keessaa 12 lubbuutiin hafuu dhaabbata oduu Asooseetid Pireesistti himeera.
Wal Waraansi hamaan Yaman haa jiraatu male, ammallee Yaman biyya godaantonni biyyoota Arabaa sooreyyii ta’an kan akka Saawudii Arabiyaatti qaxxaamuruuf biyyaa akka cehumsaatti filataniidha.
Imala isaanii kana keessatti lammileen Itoophiyaa kun sababa wal waraansa Humnoota Hutii kan Iraaniin deeggaramanuu fi mootummaa Yaman Dhaabbata Mootummootaa biratti fudhatama qabu jidduutti gaggeeffamuu rakkoo hamaan akka isaan mudatu dhaabbati falmaa mirgoota namoomaa Hiyumaan Raayitsi Wachi bara 2020 gabaasuun ni yaadatama.
Dhaaabbanni Godaantotaa (IOM) Bitootessa darbe gabaasa isaan bara 2024 qofaa godaantonni kuma jaatamaa ol gara Yamanitti qaxxaamuruu ibse. Akka Dhaabbanni kun jedhetti, galoon galaanaa Yamanii fi Gaanfa Afriikaa jidduu jiru, imalli wal xaxaan godaantotaan kan irratti gaggeeffamuudha.
Naannoon gaanfa Afriikaa, biyyoota akka Itoophiyaa, Eertiraa, Somaaliyaa, Jibuutii, dhiyeenya biyyummaa ishee kan labsatte Somaalii Laandi kan dabalatuudha jechuun dhaabbata oduu Asooseetid Pirees wabeeffachuun Barruun Addis Standard gabaaseera.
Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:
Beeksisa
Yaadota Kennaman
Oduuwwan Kan Biroo
Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa...
Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa fooyyessa diinagdee tumsuuf kan oolu waliigaltee...
Hojiileen inveestimentii Bulchiinsa Magaalaa...
Hojiileen inveestimentii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar waggota lamaan darban keessatti hojjetaman...
Eebba Mana barumasaa ‘Hawassa...
Mo’aa: (May 31. 2025 ) Finfinnee Manni barumasaa ‘Hawassa international...
Mo,aa tv tv filatamaadha.jabadhaa