Hojiileen inveestimentii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Waggota Lamaan Darban Keessatti Hojjetaman Daawwatamaniiru
Hojiileen inveestimentii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar waggota lamaan darban keessatti hojjetaman daawwatamanii jiru.
Hojiileen inveestimentii bulchiinsa magaalaa shaggar waggota lamaan darban keessatti hojjetaman hoggantoota ol’aanoo Naannoo Oromiyaa fi miidiyaaleen daawwatamaniiru.
Hojiileen inveestimentii buchiinsa magaalaa Shaggar kutaa Malkaa Noonnootti daawwataman keessaa ‘Africa village resort’, warshaa bishaan Top fi warshaa oomisha tiranisfoormeraa ‘advantage industrial’ PLC daawwatamaniiru. Abbaa qabeenyaa ‘Africa village resort’ gama isaaniitiin akka jedhanitti hojiilee magaalaa keenya bareechuu, bu’aa investimentii diriirsuu akkasumas carraa hojii uumuu keessatti hojiin hojjetame olaanaa ta’uu himanii investimentii kana keessatti hirmaachuu isaaniif gammachuu itti dhagahame ibsataniiru.

Dayireektarri ol’aanaan pirojektii warshaa bishaan Top Obbo Amsaaluu Teessoo gama isaaniitiin akka jedhanitti projektiin warshaa bishaan Top guddaa tahuu himuun naannoo hundatti bishaan qulqulluu qaqqabsiisuun cinatti carraa hojii nama 3000 oliif uumee kan jiru tahuu himanii jiru.
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Shakkamaa “Haadha manaa koo...
Shakkamaa Godina Geede’ootti hojjetaa Baankii haala suukkanneessaan ajjeese jedhame to’annoo...
Sagantaa Waldorgommiifi Agarsiisa Ogummaa,...
Sagantaa waldorgommiifi agarsiisa ogummaa, teeknooloojii, yaadama biizinasiifi qorannoo gochaa marsaa...
Shaggariitti Manneen Daldalaa 1000...
Magaalaa Shaggaritti fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf Manneen Daldalaa 1000 Qonnaan...

Yaada Kenni