“Erga Shaggar hundaa’ee qabeenya keenya bulchuun danda’ameera.” Dr. Tashoomee Addunyaa


Ijaarsa pirojektoota bara 2017 baajata mootummaatiin fi hirmaannaa hawaasaan Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafoo fi kutaa magaalaa Kuraa Jiddaati hojjetamaan ebbifaman.
Pirojektoonni kutaa magaalaa laga xaafoo laga daadhii keessatti hojjetaman waajjira misooma bulchiinsaa fi dabarsa manneetii, waajjira poolisii fi Bulchiinsa magaalaa shaggar kutaa magaalaa Kuraa Jiddaatti pirojektii hojjetaman keessaa mana barnootaa moodela dirree sokorruu sadarkaa 1ffaa bakka hooggantoonni mootummaa fi hawaasni argamaniti eebbifamee jira.
Sadarkaa itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa akka Magaalaa Shaggaritti pirojektoonni misoomaa gara garaa 348 ta’an bajaata mootummaa qarshii biliyoona 17.7 ta’uun hojjetamaa jiran keessaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti pirojektoonni garaa garaa 21 ta’an baajata mootummaa fi hirmaannaa uummataa qarshii Biliyoona lamaa oliin hojjataman eebbifamuun tajaajila hawaasaaf banaa ta’ee jira.
Pirojektoonni kunneenis manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi bu’uura boruu, daandii keessa keessaa, bo’oo lolaa, inisheetivii misooma beelladaa fi kanneen biroo tahuu himuun, pirojektiiwwan kunneenis dargaggoota kutaa magaalichaa baay’eef carraa hojii bal’aa kan uumu ta’uu Bulchaan kutaa magaalichaa Obbo Tamaam Huseen ibsaniiru.
Dr. Tashoomee Addunyaan akka jedhanitti “baroota darbe keessa dantaa magaalaa irraa argachuu hin dandeenye haa ta’uu malee jijjiiramaa as gaaffii hawaasaa deebisuu keessatti hojii hojjatameen magaalaan shaggar hundooftee hojii hedduun hojjatamee jira.”
“Magaalli tokko magaalaa guddoo kan ishee godhu olaantummaa seeraa kabachisuudhaan waan ta’eef kana immoo magaalaan shaggar dhugoomsee jira” jedhan.
Dabalataanis Bulchaa kutaa magaalaa laga xaafoo laga daadhii kan ta’an obbo Caalaa Adaarree akka jedhanitti Pirojektoonni kun baay’een isaa hirmaannaa uummataan hojjatame kana irraa kan ka’e hawaasni keenya dhagaa bu’uraa kaa’uu irraa qabatamaan jecha gochaatti jijjiiruun hawaasni fayyadamaa ta’ee jira jedhan.
Pirojektootni hojjetaman kunuunsa irraa fayyadamaa hojii itti aanu keessatti wal gargaarree hirmaannaan hojjechuu qabnas jedhaniiru.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Waltajjiin Gumii Balal marsaa...

Waltajjiin Gumii Balal marsaa 49ffaa injifannoo Adwaa irratti xiyyeeffachuun mata...

Waa’ee Akkoo Manooyyee Kana...

Dur durii giiftiin Oromoo biyya bulchitu Akkoo Manooyyee jedhamtu tokkotu...

”Waadaa Gochaan Filannoodhaa hanga...

Sagantaan Egzibiishinii raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darban irratti...

Scroll to Top