Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti sagantaan cufiinsa Kenna tajaajila lammummaa kan bara 2017 fi eegalchiisa bara 2018 geggeeffame
Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti sagantaan cufiinsa Kenna tajaajila lammummaa kan bara 2017fi eegalchiisa bara 2018 akkasumas qooda fudhattoota kenna tajaajila lammummaa irratti hirmaataniif sagantaan beekamtii kennuu geggeeffamee jira.

Sagantaa kenna tajaajila lammummaa magaalaa shaggar kutaa magaalaa buraayyuutti geggeeffame kana irratti itti gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa magaalaa shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu, bulchaa kutaa magaalaa buraayyuu, qaamolee mootummaa garaa garaa, Abbootii Gadaa fi haadholii siinqii akkasumas qaamoleen hawaasaa argamanitti geggeeffamee jira.

Sagantaan kenna tajaajila lammummaa kunis Mana harka qalleeyyii ijaaruu fi haaromsuu, biqiltuu dhaabuu, arjooma dhiigaa, mana barumsaa ijaaruu fi hojiilee tajaajila hawaasaa mirkaneessan kan hojjetamuu dha.
Keessummaa kabajaa sagantaa guyyaa har’aa itti gaafatamaa paartii badhaadhinaa magaalaa shaggar obbo Alamaayyoo Tulluu haasaa taasisaniin tajaajilli lammummaa aadaa fi duudhaa uummata keessa jiru tahuu eeruun mootummaan Oromiyaas duudhaa kana hojiitti akka seenu godhee jira jedhan.

Humnaa fi beekumsa hawaasa keessa jiru walitti fiduun hojiin tajaajila hawaasummaa hedduun bara kana hojjetamanii kan jiran yoo tahu tilmaamaan qar. Bil.23 ol kan tahuun hojiin fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessu bara 2017 keessa hojjetamee jiraachuu ibsaniiru.
karoora Bara 2018 keessa qabameen sadarkaan ashaaraa magariisaa keessumaa wabii nyaataa mirkaneessuu fi magariisummaa baball’isuuf hojiin milkaayinsa qabu akka hojjetamuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru tahuu dubbatanii jiru.
Itti dabaluunis ganna kana hojiileen misoomaa hedduun hirmaannaa hawaasaa dabalatee badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessuuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Bulchaan kutaa magaalaa buraayyuu Obbo Baqqalaa Dachaasaa Haasaa taasisaniin hirmaannaa uummataa fi mootummaatiin hojiileen tajaajila hawaasaa mirkaneessan akka kutaa magaalaa buraayyuutti 730 hojjetamee kan jiru ta’uu himanii jiru.

Karoora bara 2018tiinis akka magaalaa buraayyuutti qabaniinis qajeelcha mootummaan kenneen hojii kenna tajaajila lammummaa kallattii hundaan hanqinoota bara darbee fooyyessuun hirmaannaa hawaasa keenyaa keessumaa dargaggoota keenyaan kan mirkaneessan tahu himaniiru.
Qaamoleen beekamtiin kennameefis hojii bara darbe hojjetan caalaa cimanii hojjechuun bara 2018ttis fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf kan hojjetan tahuu himaniiru.

Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Mariin waraana Raashiyaa fi...
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon Mariin Raashiyaan Kiyeev waliin...
Raabsa qorichoota sadarkaa isaanii...
Ministeerri Fayyaa Itiyoophiyaatti raabsa qorichoota sadarkaa isaanii hin eegganne ittisuuf...
Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya...
Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa (NISS) miseensonni ISIS ergama shororkeessummaaf...

Yaada Kenni