Biiroon Qonnaa Oromiyaa hojii kunuunsa qabeenya uumamaafi misooma sululaa bara kana hojjetamu irratti ibsa kenne.

Biiroon Qonnaa Oromiyaa hojii kunuunsa qabeenya uumamaafi misooma sululaa bara kana hojjetamu irratti ibsa kennee jira.
Qabeenya uumamaa eeguu,kunuunsuufi sirnaan itti fayyadamanii dhaloota itti aanuuf dabarsuun dirqama dhaloota amma jiruuti.
Akka biyyaafi sadarkaa naannoo Oromiyaattis hojiin kunuunsa qabeenya uumamaafi misooma sululaa waggaa waggaan hojjetamaa jira.Bu’aa guddaanis argamaa jira.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsa kennaniin bara kana sulullan 6,386 lafa hektaara miliyoona 3.2 ta’u irratti dhaadhannoo “Qabeenya Uumamaa Misoomsuu,Kunuunsuufi Eeguu Olka’iinsa Biyyaaf” jedhuun eegumsi biyyeefi bishaanii akka hojjetamaniif karoorfamee hojiitti galleerra jedhan.
Hojiiwwan waggoota darban hojjetamaniin uwwisni bosonaa dhibbantaa 17 irraa gara 19tti akka guddate, galmoonni qonnaa arfan milkaa’aa akka jiran,lafti qonnaaf hin tajaajille gara qonnaatti deebi’uufi oomishtummaa dabaluus himaniiru.
Hojiin eegumsa biyyeefi bishaanii kan bara kanaas guyyaa boruu Amajjii 5 bara 2018 irraa eegaluun guyyoota 60f walitti fufiinsaan kan hojjjetamu ta’uu kan ibsan Obbo Geetuun, namni hundi magaalaafi baadiyyaan irratti akka hirmaatus eeraniiru.
Hojii kana milkeessuufis leenjiin dursa kennamuu ibsuun rakkoo jijjiirama qilleensaa mudatu hambisuuf carraan jiru misooma ashaaraa magariisaafi hojii itti biyyeefi bishaanii waan ta’eef xiyyeeffannoo guddaa argachuu akka qabus ibsaniiru.
Ganna dhufuufis biqiltuuwwan biliyoona 5.4 akka qophaa’uufi biqiltuun baala shayee miliyoona 400 ta’us godina Jimma,Iluu abbaa booraafi Bunnoo beddellee keessatti akka qophaa’us himaniiru.
Biqiltuu nyaataaf oolan miliyoonaan lakkaa’aniifi kompostii idilee meetir kuubii kuma 251fi warm kompostii kuntaala miliyoona 1.5 akka qophaa’uus himaniiru
Oomisha bara darbeenis lafti hektaara mil.11 ol misoomuun callaan kuntaala miliyoona 368 akka argamuuf hojjetamaa turuu ibsuun,hanga ammaatti lafa hektaara miliyoona 9.7 irraa callaan kuntaala miliyoona 300 akka galee jirus Obbo Geetuun ibsaniiru.
Buna kuntaala miliyoona 18 walitti qabuuf karoorfamee kuntaalli miliyoona 16 hanga ammaatti galuus itti dabaluun ibsaniiru.
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa...
Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa fooyyessa diinagdee tumsuuf kan oolu waliigaltee...
LEENJII MAGAALAA AMBOO
Hirmaattota Leenjii Daldalaa Mo’aa, Dargaggoo Mo’aa fi Gaggeessaa Mo’aa M/Ambootti...
Konkolaataa Siinootiraakiin gabaa Itoophiyaaf...
konkolaataan fe’umsaa Chaayinaatti oomishamu Siinootiraak hanqina teeknikaa fi qulqullinaa qaba...

Yaada Kenni