Sosochiin galmee waraqaa eenyummaa Dubartootaafi Daa’immanii Magaalaa Bishooftuutti eegale.


Guyyaa har’aa sosochiin galmee waraqaa eenyummaa Dubartootaafi Daa’immanii Magaalaa Bishooftuutti eegalee jira.

Tarkaanfii misooma teknoloojii Addunyaan har’aa keessummeessaa jirtu keessatti kenna tajaajilaa dijitaalessuufi itti fayyadamni teknoloojii dabalaa dhufeera.Biyyi keenyas yeroo ammaa kenna tajaajilaa saffisaafi qaqqamaa Addunyaa har’aa madaalu kennuuf waraqaan eenyummaa dijitaalaa(National ID) lammiilee hunda biraan gahuufi hojjechaa jira.

Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’imman Oromiyaa Aadde Maabiraat Baacaa sagantaa kanarratti argamuun ergaa dabarsaniin,kenna tajaajilaa saffisaa, haqa qabeessaafi fayyadamummaa Dubartootaafi Daa’immanii mirkaneessuuf waraqaan eenyummaa dijitaalaa murteessaa ta’uu ibsani jiru.

Sochii dinagdee dijitaalaa cimsuuf akka biyyaatti eegalame milkeessuuf naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jiraachuu kan eeran Adde Mabraata,sochii hanga ammatti taasifamaa tureenis Dubartoonni mil.2.9 abbaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa ta’uufi Daa’imman mil.1.1 ol waraqaa eenyummaa dijitaalaa kan fudhatan ta’uu ibsanii jiru.

Waraqaan eenyummaa dijitaalaa wabii jireenyaa dubartootaafi Daa’immanii ta’uu kan eeran Adde Mabraat, fayyadamummaa Dubartootaafi Daa’immanii mirkaneessuuf murteessaa waan ta’eef,guutuu Oromiyaatti Dubartootaafi Daa’imman umriin gahan hunduu abbaa waraqaa eenyummaa ta’uu akka qaban ibsanii jiru.

Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti Dubartootni miliyoona 2.9 waraqaa eenyummaa kan fudhatan ta’uufi Daa’imman mil. 1.5 bira qaqqabuun kan danda’ame ta’uu kan ibsan Adde Mabraat, sosochii kanaanis Dubartoota mil.10.4 fi Daa’imman mil.3.3 bira gahuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himanii jiru.

Ministirri Dhimma Dubartootaafi Dhimmoota Hawaasummaa Federaalaa Dr.Ergooggee Tasfaayee gamasaanitin ergaa dabarsaniin , waraqaan eenyummaa biyyoolessaa bu’uuran fayyadamummaa lammiilee kan dhugoomsuu yoo ta’u addatti Dubartootaafi Daa’immaniif hiikoo addaa kan qabu ta’uu himanii jiru.

Waraqaan eenyummaa dijitaalaa mirgaa eenyumma biyyasaanii kan ittiin mirkaneessan ta’uu ibsuun lammiin kamuu mirga waraqaa eenyummaa argachuu kan qabu ta’uufi ittis tajaajilamuu akka qaban himanii jiru.

Karoora Dijitaala Itoophiyaa akka biyyaatti qabamee hojjetamaa jiru milkeessufis lammiin hunduu waraqaa eenyummaa qabaachuun tajaajilamuu akka qaban Dr.Ergooggeen yaadachiisuu isaanii ragaan waajjira kominikeeshinii Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil...

Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu xumura Sadaasa bara 2018...

”Waadaa Gochaan Filannoodhaa hanga...

Sagantaan Egzibiishinii raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darban irratti...

Iraan sababa waraana Ameerikaa...

Iraan sababa waraana Ameerikaa fi Israa’el waliin taasifteen kallattiinis ta’e...

Scroll to Top