Shakkamaa “Haadha manaa koo na duraa fuute” sababa jedhuun yakka ajjeechaa raawwate…


Shakkamaa Godina Geede’ootti hojjetaa Baankii haala suukkanneessaan ajjeese jedhame to’annoo jala oolchuu Poolisiin beeksise.

Shakkamaan Kibba Itoophiyaa Godina Geede’ootti nama duratti haala suukanneessaan hojjetaa Baankii tokko ajjeese jedhame Poolisiin Naannoo Kibba Itoophiyaa to’atee jiraachuu beeksisee jira.

Poolisiin Naannoo Kibba Itoophiyaa akka beeksisetti, Obbo Tamasgeen Daani’eel guyyaa yakki kun itti raawwatetti ganama sa’aatii 2:00 irratti gara hojii utuu deemaa jiruu, rasaasa itti dhukaafameefi haleellaa meeshaa qara qabuun irratti raawwatameen lubbuun isaa darbeera.

Kana hordofees Poolisiin namicha shakkamaa gocha kana raawwate jedhame to’annoo jala oolchuun qorannoo dabalataa gaggeessaa jiraachuu eereera.

Akka Poolisiin Beeksisetti yakki kun “haaloo ba’uu” irratti hundaa’uun kan raawwatame yoo ta’u, Shakkamaan Abuush Taaddasaa Huuxeessaa jedhamu duraan jaalallee haadha manaa nama ajjeefame kanaa turte “haadha manaa koo na duraa fuute” sababa jedhuun ajjeechaa kana raawwate.

Miidhamaan yeroo haleellaan kun irratti raawwatametti “na oolchaa, na ajjeesuufi” jechuun iyyaa turus, namoota naannoo sana turan biraa deebii ariifachiisaa dhabuu isaatiin, shakkamaan jalqaba shugguxiin erga itti dhukaasee booda, itti fufuun meeshaa qara qabuun reeffa isaa cicciruun gocha suukanneessaa raawwachuu isaa ragaan poolisii ni mul’isa.

Gochi kun hawaasa naannichaa biratti naasuu fi gadda guddaa kan uume yoo ta’u, poolisiin dhimma kana irratti qorannoo bal’aa gaggeessaa jiraachuu beeksiseera.

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaadota Kennaman

  • Bultii sanbataan akkas jedhe:

    Galatoomaa warri moaa

  • Yaada Kenni

    Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

    Oduuwwan Kan Biroo

    Manni Maree Bakka Bu’oota...

    Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koree Dhaabbiin Dhimmoota Magaalaa, Bu’uuraalee...

    Pirezidaant Tiraamp hanga Iraan...

    Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp ; Ameerikaan uggura buufata doonii Iraan...

    Gumiin Balal marsaa 43ffaan...

    Mo’aa: (June 27. 2025) Finfinnee Oromoon seeraa fi heera tumatee...

    Scroll to Top