Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Furiitti pirojektiiwwan bara 2017 keessa hojjetamanii tajaajilaaf qaqqaban eebbifamanii jiru
Mo’aa : (June 28. 2025) Finfinnee
Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Furiitti pirojektiiwwan bara 2017 keessa hojjetamanii tajaajilaaf qaqqaban eebbifamanii jiru 
Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Furiitti bara baajataa 2017tti baajata mootummaa fi hirmaannaa hawaasaatiin pirojektoota bu’uuraa uummataaf ijaaruun daandii milkaa’inaa hawaasaa dhugoomsuu danda’an 8905 ta’an qarshii biliyoona 40.7 caaluun hojjetamanii xumuraman keessaa guyyaa har’aa pirojetktoota kilaastara Sabbataatti eebbifamuun ifaatti tajaajilaaf banaa ta’anii jiru. 
Sadarkaa itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa akka Magaalichaa Shaggaritt pirojektoonni misoomaa gara gara 348 ta’an bajaata mootummaa qarshii biliyoona 17.7 ta’uun hojjetamaa jiran keessaa guyyaa har’aa pirojektoonni 308 ta’an hojjetamanii xumuraman tajaajilaaf banaa akka ta’an himaniiru. 
Bulchaan Kutaa Magaalaa Furii Dr.Peexiroos Waaqoo akka Kutaa Magaalaa Furiitti pirojektoota gosa gara garaa 24 ta’an baajata Mootummaa fi hirmaannaa uummataa qarshii biliyoona 4.9 ta’uun hojjetamuun tajaajilaaf banaa akka ta’an himaniiru. 
Sagantaan kun bakka Sadarkaa itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa, Af-yaa’ii Mana maree Magaalaa Shaggar Kabajamoo Obbo Qabatoo Albee, Hoggansa Magaalaa, Kutaalee Magaalaa, Aanaalee akkasumasi, Abbootti gadaafi Haadholiin Siinqee fi hawaasni Magaalichaa argamanitti geggeeffamee jira. 
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Biiroon Qonnaa Oromiyaa hojii...
Biiroon Qonnaa Oromiyaa hojii kunuunsa qabeenya uumamaafi misooma sululaa bara...
LEENJII MAGAALAA AMBOO
Hirmaattota Leenjii Daldalaa Mo’aa, Dargaggoo Mo’aa fi Gaggeessaa Mo’aa M/Ambootti...
Manni maree Bakka Bu’oota...
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka...

Yaada Kenni