Manni maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 42ffaa taa’aa jira.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarrraa gaafatamaniif ibsaa fi deebii kennaa jiru.
Miseensonni mana maree dhimmoota siyaasaa, dinagdee,hawaasummaa, dippilomaasii fi kanneen biroo ilaalchisuuf gaaffii dhiheessaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad riifoormii dinagdee gooroo ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana maree irraa gaafatamanif deebii fi ibsa kennaniin hojii dhabdummaa, qaala’insa gatii, daldalli alergii fi alaa galu walmadaaluu dhabuun ibsamuu akka danda’u ibsaniiru.
Kan lammataa damee dhuunfaaf haalli hojii mijataa hinturre kan jedhan ministirri muummee kan sadaffaa oomishtummaadha jedhaniiru.
Oomishtummaan keenya gama qonnaanis Industiriidhaanis murtaa’aa ture jechuun kan ibsan ministirri muummee kunis gufuuleen hedduun akka keessummeeffaman godheera jedhan.
Kan arfaffaa haala dinagdee dorgomaa hin uumne jedhanii wantoota kana garaa jabaannee furuun cabiinsa dinagdee gooroo furuu nidandeenya jenneetu hojiitti galle jedhaniiru.

Haaluma wal Fakkaatuun Ministirri muummee Dr. Abiy Ahimad raawwii karoora mootummaa bara bajataa 2017 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif walgahii kanarratti ibsaa fi deebii kennanii jiru.
Ministirri muummee Dr. Abiy Ahimad wayita kanatti, albuuda ilaalchisuun gaaffii miseensota mana mareerraa gaafatamaniif deebii fi ibsa wayita kennan barana xiyyeeffannoon damee albuudaaf kenname dinagdee biyyattii deeggaruuf dandeessiseera.
Bara bajataa 2016 Warqee toonii 4 gabaa alaaf ergamuun galiin doolaarri miiliyoona 300 kan argame yoo ta’u galii barana argame waliin walbira yooqabamu jijjiirama olaanaa akka qabu eeraniiru.
Barana Warqee toonii 37 gabaa alaaf dhiheessuun galiin doolaara biiliyoona 3 tuqaa 5 argamuu beeksisaniiru.
Damee Kanaan jijjiirama olaanaa galmeessisuun kan danda’ame xiyyeeffannoo addaa damee garagaraaf kennameen ta’uu kaasaniiru.

Dabalataan Ministirri muummee sirnoota mootummaa Itiyoophiyaa darban keessa Gaazii baasuuf yaaliin taasifamaa akka ture yaadachiisaniiru.
Jijjiiramaan booda mootummaan Gaazii oomishuuf warshaalee dhaabuuf damee dhuunfaa waliin mallatteessuusaa ibsanii, kaampaaniiwwan haaraa fi dandeettii qaban damee kanarratti akka hojjetan taasifamuus ibsan.
Haala Kanaan Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha Gaazii gabaa akka baaftu ibsaniiru.
Adeemsi Gaazii oomishuu kun marsaan jalqabaa xumuramee dhiheenyatti akka eebbifamuu fi adeemsi oomishuu marsaan lammataa akka jalqabamu beeksisaniiru.
Haala walfakkaatuun baatii 40 booda warshaan Xaa’oo eebbifamee hojii akka jalqabu ministirri muummee beeksisaniiru.
Dameen qonnaa guutummaatti bu’a qabeessa kan ta’u warshaan Xaa’oo yoo jiraate ta’uu kan eeran ministirri muummee, sababa Xaa’ootiin oomishtummaan gadi bu’uu akka danda’u ibsaniiru.
Warshaa Xaa’oo dhaabuuf Itiyoophiyaa fi biyyoota Afriikaa keessatti Invastimantii hedduu kan qabudureessa Naayijeeriyaa Aliikoo Daangootee waliin mariin jalqabamuu eeraniiru.
Kana Malees Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Qonna ilaachisuun gaaffiiwwan Miseensota Manamareeraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin Qonni Utubaa Dinagdee Itiyoophiya ta’uusaa fi bu’uura galii daldala Al-Ergee keenyaati jedhaniru.
Ministirri Muummee Qonni uummanni Itiyoophiyaa hedduun kallattii fi al-kallattiin kan keessatti hirmaatan waan ta’eef bakki guddaan akka kennamuuf godha jedhaniiru.
Qonni bara kana dhibbenta 6 tuqaa1 guddina akka fidu karoorfamuu ibsuun, Dameen Qonnaa Dameewwan biroo irra xiyyeeffannoo addaa kan argate, Itiyoophiyaan Birmadhumaa Soorataaa argachuu qabdi, biyyi omishtee nyaacuu hin dandeenye faayidaa biyyoolessa ishee mirkaneessuuf ni rakkatti jechuun Birmadummaa Nyataa Mirkaneessuuf galma qabannee hojjenneera jedhaniiru.
Waggoottan muraasa darban Lammiileen Miiliyoona 27 seeftineetiin qabamamii turan , namoota kana seeftineetiirraa ceessisuuf hojjechaa turreerra jedhan.
Kanaanis, Itophiyaanota hedduu bara dheeraaf seeftineetiin bulaa turan gara ofiin of danda’uutti ce’aniiru jedhaniiru.
Ministirri Muummee itti dabaluun lammiileen Itiyoophiyaa Miiliyoona 23 gargaarsa seeftineetii irraa bilisa bahaniiru jechuun dubbataniiru.
Kunis agarsiistuu Bayyanachuu Itiyoophiyaa waan ta’eef itti boonuu qabna kan jedhan Ministirri Muummee, gargaaramtoota seeftineetii Miiliyeena 4 hafan bilisa baasuun Itiyoophiyaa guutummaa guutuuttii biyya wabii nyaataa ishee mirkaneessite gochuu qabna kanaafis Lafa Qotamu Bal’aa qabna jedhaniiru.
Haaluma Wal Fakkaatuun Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bu’ura misoomaa daandii ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif deebi fi ibsa kennaniiru.
Ibsa kennaniin dheerinni daandii Itiyoophiyaa kiiloomeetira kuma 175 qaqqabeera jedhaniiru.
Pirojektoonni baasii birrii tiriiliyoonii 1 tuqaa 5 gaafatan 300 mirkaneeffamuu dubbatanii waliigaltee mallatteessuun sadarkaa garagaraa irra jiru jedhaniiru.
Kanneen keessaa pirojektoonni 169 daandii kiiloo meetira kuma 11 caalu ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru.
Barana daandiin kiiloo meetira kuma 1 ni’eebbifama kan jedhan ministirri muummee, daandiin kiiloo meetira kuma 17 suphaan cimaa fi jiddugaleessaa taasifamaafii jira jedhaniru.
Walumaa gala daandiin kiiloo meetira kuma 28 Suphaa fi haaraan ijaaramaa jiraachuu ibsanii, daandii dabaluuf ittifufiinsaan akka hojjetamu beeksisaniiru.

Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa...
Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa fooyyessa diinagdee tumsuuf kan oolu waliigaltee...
Manni Maree Bakka bu’oota...
Baajata kana keessaas baasii idileef qarshii tiriiliyoona 1.2, baasii...
Magaalaa Naqamtee keessatti hojiin...
Gidduu kana Siidaa Kumsaa Morodaa Magaalaa Naqamtee Marfata 1ffaa irra...

Yaada Kenni