“Shaggar erga hundaa’ee carraa baay’ee uummata keenyaaf milkeessuu dandeenda’eera” Dr. Tashoomee Addunyaa


Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti bara kana pirojektoota garaa garaa hirmaannaa uummataa fi baajata mootummaa qarshii Biliyoona 8.2 oliin hojjetamuun eebbifamanii jiru.

Bulchiinsa aanaa Noonnoo zoonii jammoo 3ffaatti  M/barumsa bu’uura Boruu harbuu Bakka hoggantoonni mootummaa fi hawaasni argamanitti eebbifamee jira.

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti pirojektoonni gara garaa hirmaannaa uummataa fi bajaata mootummaan hojjetamanii xumuraman pirojektii bishaan dhugaatii fi riqicha Ada’aa jamoo birrii mil 30 hojjetaman akkasuma pirojektii  Aanaa malkaa Noonnooti mana barumsaa  bu’uura Boruu Tulluu jamoo warshaa simintoo mooggoriin  qarshii mil 8 ijaaramee fi pirojektii mana harka qalleeyyii zoonii tulluu jamoo eebbifamee jira.

Kutaa magaalichaatti pirojektootni baajata mootummaa fi hirmaannaa ummataan hojjetamanii tajaajila uummataaf qophaa’anii jiranis mana harka qalleeyyii (low cost house), diichii, industirii godoo, daandii cirrachaa, mana barumsaa bu’uura boruu, misooma koriidarii, giddu-gala gabaa, mana murtii aadaa ol dabarfannaa, kan abbaa qabeenyaa Shaqaa Gurmeessaan hojjetamaniifi waldaa misooma Oromiyaan mana dubbisa kitaabaa hojjetaman guyyaa har’aa eebbifamee jira.

sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa,”baga eebbaa kilaastraa Buraayyuuti nagaan argamatan jechuun, shaggar magaalaa qofa osoo hin taane  magaalaa guddoodha kunis yaada, caasaa fi qabeenyaa guddaa waan qabnuuf jechuun, pirojektooni bara kanaa   884 ijaara jennee karoorfanne keessaa 308 qarshii bil 17.7  xumurree jirra” jedhan.

Bulchaa kutaa magaalaa malkaa Noonnoo obbo Mariid Damiruu akka jedhanitti motummaa jijjiiramaa kan hin jalqabnee hin xumuruu kan jalqabnee ammoo otoo xumuriin hin dhiisnuu dhadannoo jedhuun bara kanaa pirojeektoota1,515 qarshii bil 9.1 ol ijaaruun ebbisissee jira.  murtii aadaa fi dudhaan fayyaamee aadaa oromo giddugaleffatee ijaarame kunis arsaa Qeerroo fi qarreen keenyaa kafalaan calaqisissuuf jedhaniruu.

Pirezidaantiin mana murtii waliigalaa Oromiyaa obbo Gazzaalii Abbaa Simal “Mana murtii uummanni Oromoo aadaaf duudhaa isaatti deebi’ee haqa isaa qe’ee isaatti akka argatu labsii kana motummaan dabarsuu isaatiin guddaa gammanneerra” Jedhan.

 

Mana murtii aadaa Oromoo amma ijaarame kun ammoo bakka aadaaf duudhaan Oromoo itti deebi’uu fi itti mirkanaa’uudhas  jechuun itti dabaluun dubbatan.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa...

Itiyoophiyaa fi Baankiin Addunyaa fooyyessa diinagdee tumsuuf kan oolu waliigaltee...

Kaappiteen Asteer Ayyaanaa Seenaa...

Koongoo keessatti lubbuu loltoota Ameerikaa dhumaatii irraa oolchuu isheen Humna...

Kibba Siwiizarlaanditti balaa abiddaa...

  Kibba Siwiizarlaanditti balaa abiddaa bakka bashannanaatti mudateen namoonni 40...

Scroll to Top