Waggoottan jijjjiiramaa asitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya horsiisee bulaa jijjiiruuf baajata guddaa ramaduun xiyyeeffannaa olaanaan hojjetaa jira.


Hojii hanga ammaa hojjetameenis horsiisee bulaan deeggaramurraa gara oomishtummaatti ce’uun diinagdeedhaan akka of cimsu ta’aa jira.
Dhaabbanni Tumsaa Guddinaa hojii jiruufi jireenya horsiisee bulaa Godina Booranaa fooyyeessuf hojjetamu deeggaruuf Biiroo Jallisiifi Horsiisee Bulaa waliin hojiitti galuuf mari’ataniiru.
Sagantaa kanarratti ergaa kan dabarsan Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Obbo Roobaa Turchee naannoon horsiisee bulaa hongee dhufu maluu akka dandamatu hojii hojjetamaa jiruun bu’aan qabatamaa argamaa jira jedhan.
Pirojektoonni Finnaa rakkoo bishaanii horsiisee bulaa furuun hojii misooma qonnaa gaggeessuun dinagdeedhaan akka of ijaaran kan taasiseedha jedhan.
Yeroo ammaas horsiisee bulaan hojii misooma qonnaa gaggeessaa jiru cinatti marga nyaata beeyladaaf ta’u misoomsuun hongee dhuguu malu dandamachuuf ofeeggannoodhaaf kuusaa jiraachuu dubbataniiru.
Hojii jiruufi jireenya horsiisee bulaa fooyyeessuuf hojjetamaa jiru milkeessuu keessatti tumsi dhaabbilee deeggartootaa murteessaa ta’uu himanii mariin guyyaa har’aa dhaabbata Tumsa Guddinaa waliin taasifame jireenya horsiisee bulaa Booranaa fooyyeessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.
Bulchiinsa qabeenya uumamaa fi sirna akeekkachiisa duraa fi beekumsa hawaasa horsiisee bulaa saayinsii walin walitti makun hawaasicha mala misooma irraa fayyadamaa tsaasifamu irratti hojjatamu akka qabuus eeraniiru.
Daareektarri Dhaabbata Guddina Tumsaa Obbo Iyyoob Tashooma gamasaanitiin dhaabbanni isaanii naannoo horsiisee bulaa irratti xiyyeeffachuun kan hojjetu ta’uu ibsanii rakkoo horsiisee bulaa Booranaa bu’urarraa furuuf hojii hojjetamu qorannoodhaan deeggaramuun karaa qindaa’een kan tumsan ta’uu ibsaniiru.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

LEENJII MAGAALAA AMBOO

Hirmaattota Leenjii Daldalaa Mo’aa, Dargaggoo Mo’aa fi Gaggeessaa Mo’aa M/Ambootti...

Magaalaa Finfinneetti manneen jireenyaa...

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti bara baajataa 2017’tti manneen jireenyaa kumni 55...

Namichi Afgaanistaan loltoota Ameerikaa...

  Namichi Afgaanistaan loltoota Ameerikaa haleele torban hedduudhaaf kophaa isaa...

Scroll to Top