Hojii Baruu fi Barsiisuu Rakkoo Guddaa Keessa Ture Bu`uura Irraa Jijjiiruuf Hojiin eegalame


Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo hojiin baruufi barsiisuu rakkoo guddaa keessa turuu ibsanii, kunis bu`uuraan irratti hojjechuu dhabuudha jedhan. Kana furuufis dhaloota boru biyyaaf abdii ta’uufi sadarkaa hundatti dorgomaa ta`e horachuuf manneen barnootaa bu`uura boruu ijaaruu,barsiisota leenjisuufi kitaabilee shaakalaa qopheessuufiin daa`imman miliyoona 2 ol barnoota jalqabuu himaniiru.

Barsiisota daa`imman bu`uura boruu barsiisanis kolleejjii 12 keessatti doormii galanii bara kana leenji`aa turuu eeranii,rakkoon dhiyeessii kitaabaas guutummaan ta`uu baatus fooyya`insa agarsiiseera jedhan.
Gadi bu`uu qabxii barataa qormaata xumuraa kutaa 12ffaa akka biyyaatti mudatee jiru hambisuuf barattootaaf barnoonni dabalataan kennamuun kitaabni barsiifamee xumuramuufi barattoonni manneen barnootaa bultii addaa keessatti baratanis qormaata xumuraaf ga`uun rakkoo jiru kan furu akka ta`es Dr.Tolaan dubbataniiru.
Harcaatiin barataa, rakkoon dubbisuufi barreessuu dadhabbuu barattoota kutaa 3-5 jiranii kan “Hiyyummaa barnootaa” jedhamee waamamu ammayyuu jiraachuu ibsaniiru. Rakkoo hiyyummaa barnootaa jiru kana hambisuufis Daarikteroota, suppervaayizarootaafi barsiisota kuma 57 ta`aniif ganna kana mala baruufi barsiisuu addaa fala ta`uu danda`uun leenjii kennuun bara 2018 keessa rakkoo kana furuuf kan hojjetamu ta`uus himaniiru.
Harcaatiin barataa, rakkoon dubbisuufi barreessuu dadhabbuu barattoota kutaa 3-5 jiranii kan “Hiyyummaa barnootaa” jedhamee waamamu ammayyuu jiraachuu ibsaniiru. Rakkoo hiyyummaa barnootaa jiru kana hambisuufis Daarikteroota,suppervaayizarootaafi barsiisota kuma 57 ta`aniif ganna kana mala baruufi barsiisuu addaa fala ta`uu danda`uun leenjii kennuun bara 2018 keessa rakkoo kana furuuf kan hojjetamu ta`uus himaniiru.
Maddi:- Biiroo Komnikeshinii Oromiyaa

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Itoophiyaan baatii Adoolessaa keessa...

Itoophiyaan buna ji’a Adoolessaa gara alaatti ergamerraa galii doolaara miliyoona...

Raawwii adeemsa filannoo diimokiraatessuuf...

Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa gabaasa argannoo KIN hanga kurmaana...

Murtoowwan Manni Maree Ministeerotaa...

Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 54ffaa gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarsee...

Scroll to Top