Qormaatni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 haala hannaa irraa bilisa ta’een kenname
Kan Maxxanse: moadmin |
Adoolessa 16, 2025

Pirofeesar Biraanuu Naggaa Qormaatni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 haala hannaa irraa bilisa ta’een kennamee nagaafi milkaa’inaan xumurame jedhan.
Qormaatni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 haala hannaa irraa bilisa ta’een kennamee nagaafi milkaa’inaan xumuramuu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Ministirri ministeerichaa Pirofeesar Biraanuu Naggaa ibsa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, qormaatni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 haala hannaa irraa bilisa ta’een nagaafi milkaa’inaan kennamee xumurameera.
Akka Gabaasa Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaatti Adeemsi kenniisa qormaatichaa kan waggoota darbaniirra daran fooyya’aafi naamusa gaarii kan qabu ta’uus eeranii, qormaatni karaa online kennamus kan waggaa darbeerra dachaa sadiin dabaluu himaniiru.
Bara darbe barattoonni kuma 29 qormaata karaa ‘online’ kan fudhatan ta’uu himanii, barana barattoonni kuma 134fi 828 (%23.2) qoraaticha karaa ‘online’ kan fudhatan ta’uus ibsaniiru.
Baratoota barana qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf galmaa’an kuma 608fi 742 keessaa barattoonni kuma 581fi 905 (%95.6) qormaaticha kan fudhatan ta’uu eeranii, kana keessaa barattoonni kuma 134fi 828 karaa online kan fudhatan ta’uufi kan hafan ammoo waraqaan kan fudhatan ta’uu himan.
Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Gumiin Balal marsaa 43ffaan...
Mo’aa: (June 27. 2025) Finfinnee Oromoon seeraa fi heera tumatee...
Oromiyaatti galma Inisheetivii Bunaa...
Oromiyaatti galma Inisheetivii Bunaa milkeessuuf sanyii buna fooyya’aa babal’isuun xiyyeeffannoon...
Magaalaa Shaggaritti waltajjiin gamagama...
Mo’aa: (April 29. 2025) Finfinnee Sadarkaa itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa...
Yaada Kenni