Yaa’iin Idilee 9ffaa waggaa 4ffaa bara hojii Caffee 6ffaa gaggeeffamaa jirurratti Gabaasa Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa Dhiheessan


Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa, Yaa’ii Idilee Caffee Oromiyaa 9ffaa Waggaa 4ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa irratti argamuun, gabaasa raawwii hojii bara 2017’fi Karoora bara 2018 dhiyeessaa jiru.
 
Yaa’ii Idilee Caffeerratti gabaasaa Raawwii bara 2017 fi Karoora bara 2018 dhiyeessaa kan jiran PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa bara baajata dhufuutti tajaajila fayyaa bu’uuraa sadarkaa hundatti cimsuun kennaa tajaajila fayyaa paakeejii hunda haammate, qulqullinaafi walgitinsa qabu kennuun fayyummaa hawaasaa naannichaa dagaagsuuf akka hojjetamu himaniiru.
 
Bu’uuruma kanan, du’aatii haadholeefi daa’immaanii xiqqeessuuf tajaajila da’umsa duraa marsaa 1ffaa haadholii ulfaa mil.1.7’f, tajaajila da’umsa ogeeyyii fayyaatiin hadhoolii mil. 1.4’fi du’aatii daa’immaanii xiqqeessuuf daa’immaan umriin isaanii waggaa tokkoo gadii mil. 1.5 ta’aniif tajaajila talaallii gosa shanii marsaa 3ffaafi tajaajila talaallii guutuu akka argataniif xiyyeeffannaan akka hojjetamus dubbataniru.
 
Kana malees Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa, Yaa’ii Idilee Caffee Oromiyaa 9ffaa Waggaa 4ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa irratti dhiyaachuun gabaasa raawwii hojii bara 2017’fi Karoora bara 2018 wayita dhiyeessaa jiraniitti, bara 2018’tti tajaajila mala ogummaa namaa loon diqaaloomsuutiin, saawwan mil.2.6 ta’aniif sanyiin kormaa kan kennamu akka ta’e himaniiru. Jabbileen sanyii fooyya’aa mil.tokko ta’an akka dhalatanis ni eegama.
 
Walumagalaatti, hojiiwwan bara 2017’tti faayidaan misooma beeyladaarraa akka argamuuf hojjatamaa tureen bara 2018’ttis cimsuun fayyaadamummaa ummataa mirkaneessaa, galma badhaadhinaa qabame akka dhugoomuuf nuffii tokko malee akka hojjatamuu dhaamaniiru.
 
Dabalataan obbo Shimallis Abdiisaa, gabaasa raawwii hojii bara 2017’fi Karoora bara 2018 yemmuu dhiyeessan, omshaafi oomishtummaa guddisuun, guddina dinagdee ittifufinsa qabuufi qulqulluu ta’e galmeessisuuf, qoodni invastimantii dhuunfaa olaanaa ta’uu isaa ibsaniiru.
 
Kanuma bu’uureffachuun, mootummaan bara 2018’tti pirojektoota haaraa 10,500 kaappitaala qarshii Bil. 200 ol galmeessisan, akkasumas carraa hojii lammiilee miliyoona tokkoof uman simachuun hojiitti galchuuf hojjatamaa jiraachuu isaa himaniiru.
 
Kana malees, bu’a qabeessummaan invastimantootaa akka dabaluuf xiyyeeffannaa guddaan akka hojjatamu kaasaniiru.
 
Akkasumas Pirezidaanti Shimallis, gabaasa rawwii misooma albudaa bara 2017 ilaalchiisuun Caffee Oromiyaaf dhiyeessaniin guddina dinagdee Oromiyaafi carraa hojii umuu keessatti qabeenyi albuudaa ga’ee olaanaa kan qabu ta’uu isaatiin bara kana omisha albuudaalee al-ergii Sookoo kg 7,466, Albuuda midhaginaa Kg kuma 11.24, albuuda Industirii toonii kuma 41.04 fi Albuuda Sibiilaa toonii kuma 10.12 omishamee gabaa biyya alaaf dhiyaate irraa waliigalaan galii al-ergee doolaara mil.769.47 fi galii biyya keessaa birriin bil.2.49 argamuu eeranii jiru.
 
Yaa’ii kanarratti, Mootummaan Jijjiiramaa hojiiwwan seenaafi seenessa Oromoo qajeelchaniifi guddina aadaa Oromoo irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjeteera jedhan. Kanaanis, Shinooyyeefi Goobee iddoo dagatameefi moggeeffamee turee bahuun simboo addaatiin kabajamuu eeraniru.
 
Dabalataanis, bara kana Ayyaanni Irreechaa malkaawwan ulfoo 86 irratti haala duudhaa Oromoo ganamaa eegeen kabajameera. Ayyaanichis, marii ummataa, waamicha diyaasporaa, agarsiisa garagaraa, fooramiifi konsartiin dabaalamee kabajamuun simboofi eenyummaa Oromoo addunyaatti mul’iseera, jedhan.
 
Walumaagalatti, Hojiiwwan Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa dursee raawwate keessaa tokko, galmoota gulantaa qabsoo Oromoo madaalan bocuun, sabboonummaa gochaa muldhisuudha.
 
Bu’uuruma kanaan, dhaloonni aadaa ganamaatti akka deebi’u gochuun, Ayyaanni Irreechaa Oromoo biratti qofa osoo hintaane, saboota ollaafi daangaa ce’uun kabajaafi guddummaa Oromoo akkasumas fuula gaarii Oromoo, Oromiyaafi Itiyoophiyaa ijaaruufi gaanfa Afrikaatti obbolummaa saboota gidduutti cimseera.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Komishiniin Gumruukaa Itiyoophiyaa qajeelfama...

Komishiniin Gumruukaa Itiyoophiyaa qajeelfama tilmaama gatii gumruukaa haaraa irratti fichisiistota,...

Shakkamaa “Haadha manaa koo...

Shakkamaa Godina Geede’ootti hojjetaa Baankii haala suukkanneessaan ajjeese jedhame to’annoo...

”Waadaa Gochaan Filannoodhaa hanga...

Sagantaan Egzibiishinii raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darban irratti...

Scroll to Top