Konkolaataa Siinootiraakiin gabaa Itoophiyaaf akka hin dhiyaanne uggurame


konkolaataan fe’umsaa Chaayinaatti oomishamu Siinootiraak hanqina teeknikaa fi qulqullinaa  qaba jedhe haga fooyyesssutti gara gabaa biyyaatti akka hin galle Koomishiniin Gumruuka Itoophiyaa dhorkeera.

Hanqinni teeknikaa fi qulqullinaa konkolaataa kanarratti mullatu lubbuu namaa fi akkasumas qabeenya irratti miidhaa geessisaa waan dhufeef, dhaabbanni omisha kana omishu haga fooyyessa irratti taasisutti gara gabaa Itoophiyaatti akka hin galle ugguruu ibsee jira.

Ministeerri Geejjibaa fi Loojistikii, xalayaa Koomishinii Gumriikaa Itoophiyaaf ergeen sababa wal fakkaatu caqasuudhaan, balaan Siinootiraaakiin ilma namaa fi qabeenyarra geessisaa jiru waan hammaate jedheef akka Koomishinichi konkolaataa kana gara gabaa biyya keessaatti hin dhiyaanneef dhorka akka irratti taasisus ajaje.

Akka Gabaasa Barruu ‘Addis Standard’tti dhaabbanni konkolaataa kana omishu haga sirreeffama teeknikaa konkolaataa kana irratti taasisutti, Caaamsa bara 2017 kaasuun uggurri siinootiraakiin akka gabaa biyyaaf hin dhiyannee dhorku kun hojiirra ooluutu ibsame.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Gumiin Balal marsaa 43ffaan...

Mo’aa: (June 27. 2025) Finfinnee Oromoon seeraa fi heera tumatee...

Gurmuun Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa...

Gurmuun Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Sagantaa ifoomsa Manifeestoofi Mallattoo...

Dhagaa bu’uuraa osoo hin...

Mootummaan Naannoo Oromiyaa qixa barbaadamuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf bu’uuraalee misoomaa...

Scroll to Top