Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti torbeen Baazaarii fi Agarsiisa Daldalaa mata-duree “Kan Itiyoophiyaa Haa Bitnu” jedhuun gaggeeffamuu eegale
Kan Maxxanse: moadmin |
Hagayya 18, 2025

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti torbeen Baazaarii fi Agarsiisa Daldalaa mata-duree “Kan Itiyoophiyaa Haa Bitnu” jedhuun gaggeeffamuu eegaleera.
Itti Aanaa Kantiibaafi Qindeessaan Kilaastara Dinagdee Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo, kaayyoon agarsiisaafi Baazaarichaa bitataafi gurgurataa walqunnamsiisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu akka ta’e himanii, oomisha Qonnaafi Industirii Magalaa Shaggariitti oomishaamaa jiru qaala’insa gabaa furuu keessattis qooda isaa taphaachaa akka jiru dubbataniiru.
Oomishinsni Qonnaafi Induustirii sadarkaa biyyaa, Naannoo Oromiyaafi Magaalaa Shaggaritti guddachaa jiru Imala Badhaadhina biyyaa dhugoomsuu keessatti qooda olaanaa akka qabuufi hawaasni aadaa oomisha biyya keessatti oomishamu bitachuun fayyadamuu guddifachuu akka qabus himaniiru.
Haaluma Wal Fakkaatuun Itti Gaafatamaa Waajjira Daldalaa Magaalaa Shaggar Obbo Bariisoo Tamasgeen, Agarsiisni Baazaariifi Egzibiishinii walitti hidhaminsa gabaa uumuun gabaa tasgabbeessuun cinatti dorgomummaa oomishaalee cimsuun qulqullina dhiyeessii dabaluun hawaasni fayyadamaa akka tahuuf gumaacha olaanaa qabaachuu himaniiru.
Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Tasfayee Gashuu Agarsiisniif Baazaariichi akka biyyaafi Naannootti gaggeeffamaa jiraachuu himuun, faddaalaan sirna gabaa keessa galuun osoo gatii hin qaalessiin bitataan oomisha gatii madaalawaan akka bitatuufi daldalaanis baasii dabalataa malee akka oomisha isaa gurguratu taasisa jechuun himaniiru.
Dinagdee qaala’insa jireenyaa dandamatuufi fayyadamummaa uummataa mirkaneessu ijaaruuf hojii mootummaan hojjetu kan cimsu akka ta’es himaniiru.
Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
“Qabsoo uummata keenyaa sadarkaa...
Gamaggamni raawwii hojii mootummaafi paartii kurmaana 2ffaa bara 2018 bakka...
Shaggaritti Bara barnootaa 2017...
Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Magaalaa Shaggar Obbo Firakiyyaa Kaasahun Waajjira...
Sagantaa Waldorgommiifi Agarsiisa Ogummaa,...
Sagantaa waldorgommiifi agarsiisa ogummaa, teeknooloojii, yaadama biizinasiifi qorannoo gochaa marsaa...
Yaada Kenni