Shaggaritti Bara barnootaa 2017 qofa manneen barnootaa 91’f ofeeggannoon kennamuun 36 immoo akka cufaman taasifame

Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Magaalaa Shaggar Obbo Firakiyyaa Kaasahun Waajjira Kominikeeshinii Magaalichaaf addatti ibsa kennaniin, ergamaa fi mul’ata magaalaan Shaggar qaqqabummaa fi uwwisa barnootaa dabaluun dhaloota beekumsaa fi kalaqaan gahoome heddumminaan horachuuf qabattee hojjechaa jirtu milkeessuu keessatti dhaabbileen barnootaa dhuunfaa gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Magaalichatti manneen barnootaa 1,265 jiran keessaa 896 manneen barnootaa dhuunfaa tahuu kan himan Obbo Firakiyyaan, qulqullina, walgitinsa, gahumsa keessoo dabaluu fi dhaloota dorgomaa tahe heddumminaan oomishuu keessatti shoora isaanirraa eegamu bahachaa jiraachuu himaniiru.
Hundeeffama Shaggariin dura, manneen barnootaa dhuunfaa Waajjira Barnootaa waliin walitti dhufeenyaan hojjechuu, hayyama haaromfachuu, gibira kaffaluu, ragaa isaaniis Waajjira Barnootaaf kennuu, sirna barnootaan hogganamuun hafuun gosa barnootaa ofii filatan qofa barsiisuu, aadaa fi safuu hawaasaa kabajuu hafuu, maatii barataa osoo hin mariisisin gatii ofii murteessanii kaffalchiisuun rakkoo guddaa turuu eeraniiru.
Hundeeffama magaalaa Shaggariin booda rakkoowwan kunneen irratti mariyachuun ergamaa fi mul’ata magaalaa Shaggar giddu-galeeffachuun akka hojjetaniif hubachiisuun madaallii inispeekshinii gaggeessuu, deeggarsaa fi hordoffii walirraa hin cinne taasisuun rakkoowwan kanaan dura mul’ataa turan akka sirreessaniif hojii hojjetameen jijjiiramni guddaan mul’achaa dhufuu himaniiru.
Magaalichatti manneen barnootaa dhuunfaa barattoota kutaa 6ffaa fi 8ffaa barattoota dhibbeentaa 99 dabarsaniiru. Kun immoo qulqullinnii fi walgitiinsi barnootaa magaalichatti akka mirkanaa’uuf hojii galtee guddaa tahuu dubbataniiru.
Kana malees, Manneen barnootaa mootummaaf humna tahuun tajaajila lammummaa keessatti hirmaachuun walgitiinsaa fi qulqullinni barnootaa akka mirkanaa’uuf gahee isaanii akka bahataniif hojii hojjetameen kutaa magaalaa Buraayyuu, Galaan Guddaa, Kuraa Jiddaa, Eekkaa Xaafoo fi Furii irratti mana barumsaa bu’uura boruu ijaaruu danda’aniiru.
Waldaan ijaaramanii hojjechuu, qajeelfama bu’uura godhachuun maatii barataa waliin mariyachuun gatii murtesssuu fi murtee waloo giddu-galeeffachuun akka kaffalchiisan taasisuu irratti fooyya’insi guddaan akkuma jiru kanneen osoo maatii hin hirmaachisin ofii isaaniif gatii murteessan kanneen murteessan hordofuun akka sirreessan taasifamaa turuus himaniiru.
Erga Shaggar hundeeffamee hordoffii taasifameen manneen barnootaa dhuunfaa 60 ol ta’an kanneen istaandardii gadi ta’an, bu’aa qabeessa kan hin taane, adeemsi baruu fi 1barsiisuu isaanii rakkoo qabuuf of-eeggannoo 100 ol kennamuun 36 immoo akka cufaman taasifamuu himaniiru.
Bara barnootaa 2017 qofa manneen barnootaa 91’f ofeeggannoon kennamuun 36 immoo akka cufaman taasifamuu Obbo Firakiyyaan ibsaniiru.
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Godina Harargee Lixaatti qeerransi...
Godina Harargee Lixaa aanaa Shanan Dhuugootti yeroo dhihoo asitti...
Tiraamp BBC’n maqaa koo...
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp himata maqaa balleessii doolaara biiliyoona shanii...
Hojiileen inveestimentii Bulchiinsa Magaalaa...
Hojiileen inveestimentii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar waggota lamaan darban keessatti hojjetaman...

Yaada Kenni