Itoophiyaan baatii Adoolessaa keessa buna gara biyya alaatti ergamerraa galii doolaara miliyoona 268 argatte
Kan Maxxanse: moadmin |
Hagayya 21, 2025

Itoophiyaan buna ji’a Adoolessaa gara alaatti ergamerraa galii doolaara miliyoona 268 argachuunshee ibsameera.
Jarman, Sa’ud Arabiyaafi Beeljiyeem biyyoota buna Itoophiyaa baay’inaan bitanidha.
Bara bajataa 2018 ji’a Adoolessaa buna toonii kuma 53fi 480 gara alaatti argamuun galiin doolaara miliyoona 216.4 karoorfamee ture.
Akka Gabaasa ‘Ethiopian Press Agency’tti Ji’a eerame kana keessatti buna toonii kuma 38fi 663 gara biyyoota alaatti ergamuu ibsuun; Jarman, Sa’ud Arabiyaafi Beeljiyeem biyyoota buna Itoophiyaa hedduminaan itti ergamedha.
Biyyoota sadeen dabalataan, Chaayinaa, Ameerikaa, Jaappaan, Kooriyaa Kibbaafi Gamtaan Emireetota Arabaa buna Itoophiyaa akka bitan ibsameera.
Hammi buna biyyoota eeramanitti ergamee bara bajataa darbe yeroo walfakkaataan walbira qabamee yoo ilaalamu hir’ifama dhibbantaa lama yoo agarsiisu galiidhaanimmoo dhibbantaa 53 daballii agarsiiseera.
Itoophiyaan bara bajataa 2018tti buna toonii kuma 600 gara biyyoota alaatti erguun galii doolaara biliyoona sadii ol argachuuf karoorfateetti.
Buna bara bajataa 2017 gara alaatti ergamerraa galii doolaara biliyoona 2.6 argamuun kan ibsame yoo ta’u, kunis seenaa keessatti isa olaanaa abbaan taayitichaa ibsuunsaa niyaadatama.
Maddi:- Barruu ‘Ethiopian Press Agency’
Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Qonnaan Bultoota adda duree...
Waajjirri Qonnaa Magaalaa Shaggar Sosochiin Leenjii Inisheetiivii Misooma Beeyiladaa sadarkaa...
Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil...
Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu xumura Sadaasa bara 2018...
Shakkamaa “Haadha manaa koo...
Shakkamaa Godina Geede’ootti hojjetaa Baankii haala suukkanneessaan ajjeese jedhame to’annoo...
Yaada Kenni