Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu xumura Sadaasa bara 2018 eegala


Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu xumura Sadaasa bara 2018 akka eegaluuf karoorfamuu hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa ibsaniiru.
 
Hojii raawwachiisaan garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu industirii Aviyeeshinii Itiyoophiyaa boqonnaa olaanaatti akka ceesisu beeksisan.
 
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa tokkoo fi walakkaa darbe Booyingii fi Erbaas irraa Xiyyaara ajajuu kaasanii, kanneen keessaa A.L.A bara 2026 jajaajilarra ni’oola jedhamee kan eegamu Booyiing 777-9 akka keessatti argamu ibsaniiru.
Daandiin Qilleensichaa Xiyyaarota Booying 777-9 digdama ajaje waggaa tokkoo fi walakkaan booda fudhachuu akka eegalu ibsuun, kunis daandii qilleensichaa, daandiiwwan xiyyaaricha ajajan muraasa keessaa tokko isa taasisa.
Daandiin qilleensichaa Xiyyaarota ammayyaa fayyadamuun hojmaatasaa si’eessaa jiraachuu ibsuun, ajajni Booyingii haaraa kunis qaama kanaa ta’uu beeksiseera.
Hojii Raawwachiisaan olaanaa Baankii Invastimantii Siibi’ii kaappitaalaa Zamadeneh Nigaatuu gamasaaniin daandiin Qilleensaa Idil-Addunyaa Bishooftuu galma daandiin qilleensichaa qabateef bu’uura ta’uu ibsaniiru.
Imaltoota addunyaarraa gara Afriikaa dhufan akkasumas Afriikaarraa gara Biyyoota Addunyaa birootti deemaniif seensi inni tokko buufata xiyyaara Idil-Addunyaa Boolee ta’uu eeraniiru.
Imaltoonni Miiliyoona 25 daandii Qilleensaa kan keessa akka darban ibsuun, Ijaaramuun Daandii Qilleensa Bishooftuu lakkoofsa imaltootaa gara miiliyoona 100 guddisuun Itiyoophiyaa fi Afriikaatiif faayidaa guddaa akka fidu ibsaniiru.
Biyyoota buufata xiyyaaraa gurguddaa qabn waliin dorgomuuf akka danda’us ibsniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa Buufata Xiyyaaraa gurguddoon biyyoota garagaraa keessatti guddina Dinagdeef bu’uura ta’uu ibsuun, buufanni xiyyaaraa Bishooftuus dinagdee Itiyoophiyaa akkasumsa Afriikaa guddisuuf dandeettii akka qabaatu hubachiisaniiru.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaadota Kennaman

  • Tolesan akkas jedhe:

    Baayyee namatti tola, Kari babbanadha, Faar nuuf tolaadh…

  • Yaada Kenni

    Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

    Oduuwwan Kan Biroo

    Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya...

    Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa (NISS) miseensonni ISIS ergama shororkeessummaaf...

    Yaa’iin Idilee Paarlaamaa Daa’immanii...

    Bakka Buutuu Waajjiraa Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Magaalaa Shaggar Aadde...

    LEENJII MAGAALAA AMBOO

    Hirmaattota Leenjii Daldalaa Mo’aa, Dargaggoo Mo’aa fi Gaggeessaa Mo’aa M/Ambootti...

    Scroll to Top