Yaa’iin Idilee Paarlaamaa Daa’immanii Magaalaa Shaggar bara hojii 2ffaa yaa’ii Idilee 2ffaa gaggeeffame
Kan Maxxanse: moadmin |
Adoolessa 4, 2025
Bakka Buutuu Waajjiraa Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Magaalaa Shaggar Aadde Yoomittuu Bulchaa, kaayyoon Paarlaamaan daa’immanii mirga daa’immanii kabachiisuu fi daa’imman sirna dimokiraasii akka shaakalaniif ta’uu himan.

Paarlmaan Daa’immanii Magaalaa Shaggar erga hundaa’e waggoota lama kan lakkoofsise yoo ta’u, kanaanis daa’immaan magaalichaa shaakkallii sirna diimokiraasii taasisaa jiru jedhan.
Yaa’ii paarlaamaa daa’immanii guyyaa har’aatinis gabaasa hojii bara 2017 dhiyeessuufi daa’imman of danda’anii mirgaafi dirqama ofii hubachuu, mirgootaa fi faayidaalee isaanii beekanii shaakkallii filuufi filatamuu akkasumas hirmaachisummaa akka shaakalaniif ta’uu himan.
Af-yaa’ii Paarlaamaa Daa’immanii Magaalaa Shaggar Barattuu Feeneet Taayyee haasaa taasisaanin, kaayyoon paarlaamaa daa’immaniii mirga of bulchuu daa’immanii dabaluufi daa’imman mirgootaafi faayidaalee seeraan eegamuufii qaban kabachisiisuu akka danda’aniif ta’uu himan.
Yaa’ii kanarratti gabaasni raawwii hojii Paarlaama Daa’immanii bara 2017 dhiyaachuun irratti mari’atameera.
Maddi:- Koomnikeeshinii Magaalaa Shaggar
Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Itoophiyaa Invastimanti Hooldings fi...
Itoophiyaa Invastimanti Hooldings fi Daangootee Giruuppi gidduutti waliigaltee ijaarsa Kompileeksii...
LEENJII MAGAALAA AMBOO
Hirmaattota Leenjii Daldalaa Mo’aa, Dargaggoo Mo’aa fi Gaggeessaa Mo’aa M/Ambootti...
Gurmuun Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa...
Gurmuun Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Sagantaa ifoomsa Manifeestoofi Mallattoo...
Yaada Kenni