Ijoollee sababoota garagaraan talaalli osoo hin fudhatiin hafan fi jalqabanii osoo hin xumurin addaan kutan xumursiisuuf pirojektii ‘Driven initiative’ jedhu jalqabsiifame


Biiroon fayyaa Oromiyaa sagantaa tajaajila talaallitiin ijoollee sababa adda addaatiin talaalli gonkumaa osoo hin fudhatiin hafan fi jalqabanii osoo hin xumurin addaan kutan xumursiisuuf pirojeektii ‘Driven initiative’ jedhu Ministeera fayyaa fi UNICEF waajjin ta’uun jalqabsiisee jira.
Hoogganaa itti aanaa biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa sagantaa kana irratti argamuun haasaa taasisaniin, biiroon fayyaa Oromiyaa dhukkubaa fi du’aatii daa’immii hir’isuuf tarsiimoo fi insheetivoota adda addaa baasun hojii irra oolchaa jiruun milkaa’inni olaanan argamuu dubbatanii jiru.
 
Haaluma kanaan, biiroon fayyaa Oromiyaa uwwisni talaallii daa’immanii akka dabaluuf iddoowwaan dhiyeessiin talaalli qaqqabsiisuu irratti rakkoo ta’an ‘Drive initiative’ kanaan dhaqqabsisuun akka danda`amu taasisuuf insheetiivii haaran kun kan jalqabsiifame yoo ta’uu, Inisheetiivin kunis talaalliin yeroon buufata fayyaa irraa gara kellaa fayyaa fi iddoo talaalin itti kennamu doqdoqqeen akka dhaqabu gochuun tajaajila talaalli si’ataa fi dhaqabamaa gochuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu kaasanii jiru. Sagataa kana milkeessuf dargaggoota godiinaalee sadii, aanaalee 10 irraa leenji’an 40 ta’aniif doqdoqqeen dabarfamee kan kennameef ta’uu dubbatanii jiru.
 
Obbo Darajjeen itti dabaluun, inisheetiiviin kun bu’a qabeessummaan isaa ilaalamuun godiinaalee biroo keessattis kan babal’atu ta’uu ibsanii jiru.
 
Bulchaan bulchiinsa godiina Arsii Lixaa Obbo Ahmad Hajii gama isaanitiin akka jedhanitti insheetiiviin kun dhaqabamummaa talaallii daa’immanii ol guddisuu bira darbee carraa hojii uumuu keessatti gahee guddaa qabachuu kaasuun dargaggoonni leenjii fudhaatanii hojii kana keessatti hirmaatan adaraa itti kenname fudhatanii hojiirra akka oolchan dhaamanii jiru.
 
Sagantaan kun qindoomina biiroo Fayyaa, Biiroo carraa hojii uumuu fi ogummaa fi Ejensii geejjiba Oromiyaa waliin ta’uun kan hojiirra ooludha.
 
Maddi:- Biiroo Fayyaa Oromiyaa
 

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Kantiibaa Adaanech Abeebee Atoobisoota...

Atobisoonni teeknooloojii ‘ITS’ (sirna geejjiba Intelejent) fi FCS (sirna taarifa...

LEENJII MAGAALAA AMBOO

Hirmaattota Leenjii Daldalaa Mo’aa, Dargaggoo Mo’aa fi Gaggeessaa Mo’aa M/Ambootti...

Manni Maree Bakka bu’oota...

  Baajata kana keessaas baasii idileef qarshii tiriiliyoona 1.2, baasii...

Scroll to Top