“Magaalaa Shaggaritti jijjiiramoota gama diinagdee fi hawaasummaan galmaa’aan itti fufsiisuuf hojjetamaa jira”- obbo Guyyoo Galgaloo


Magaalaa Shaggariitti Sagantaan mirkaneessa faandhawaa misoomaa waggaa 30 fi GDP Magaalaa Shaggar irratti mariin qooda fudhatoota waliin gaggeeffamee jira.

Magaalaan Shaggar imala guddinaa fi badhaadhinaa ariifataa irratti argamti. Guddina gama dinagdee, misoomaa fi hawaasummaan magaalicha keessatti argame caalmaatti itti fufsiisuun akeeka Magaalaa eegeree fi ammayyaa uumuuf hojjetamu dhugoomsuun magaalli tokko essaa garamiitti imaluu akka qabdu kan agarsiisu karoora yeroo gabaabaa, yeroo giddugaleessaa fi faandhawaa qopheessuun murteessaadha.
Haaluma kanaan, Magaalichi Yuunivarsiitii Finfinnee fi Komishinii Karooraa fi Pilaanii Oromiyaa waliin qindoomuun faandhawa karoora misoomaa waggaa 30, karoora tarsimaa’aa waggaa 10 fi tilmaama Oomisha Dimshaashaa (GDP) hojjetame irratti qooda fudhatoota waliin mariin gaggeeffamaa jira.
Sagantaa kana irratti argamuun kan saaqan Itti Aanaa Kantiibaa fi Qindeessaan Kilaastara Dinagdee Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo Magaalli Shaggar galmoota arfan magaalaa wabii nyaataa mirkaneessuu, ogummaa dagaagsuu, Intarpiruunarshiippii babal’isuu fi E- Governance hojiirra oolchuuf qabame dhugoomsuuf hojiiwwan adda addaa waggoottan sadan darban keessatti hojjetamaniiru jedhan.
Hojii hojjetameenis bu’aawwan jiruu fi jireenya ummataa fooyyessan galmaa’uu akka danda’ame himanii mul’ata Magaalaa Shaggar magaalaa eegeree taasisuuf hojjetamu dhugoomsuuf karoora tarsiimaawaa fi faandhawaa qopheesseen murteessaa akka ta’e ibsaniiru.
Jijjiirama gama dinagdee fi hawaasummaan magaalicha keessatti galmaa’aan caalmaatti itti fufsiisuuf Faandhawaa Waggaa 30 fi karoorri tarsiimaa’aa waggaa 10, tilmaamni GDP qophaa’ee fi Faandhawaa waggaa 30 irraa karoorri tarsiimaa’aa waggaa 10 kan yeroo gabaabaaf dheeraa qopheessuun magaalaa Sadarkaa Gaanfa Afrikaa fi Afrikaatti dorgoomaa taate uumuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamuu qabu hubachiisaniiru.
Itti Aanaa Kantiibaa fi Qindeessaan Kilaastara Bulchiinsaa fi Tajaajilaa Magaalaa Shaggar Obbo Gugsaa Dajanee Magaalli Shaggar magaalaa yaadama haaraan hundooftee hojiin misoomaa, hawaasummaa fi teknoloojii ummataa fi biyya ceesisan keessatti hojjetameen bu’aawwan adda addaa galmaa’uu himaniiru.
Magaalaa Shaggar fulduratti tarkaanfachiisuuf faandhawaa qophaa’e mul’ata waloo taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu fi dinagdee Magaalaa Shaggar guddisuun jijjiirama Magaalicha keessatti galmaa’e caalmaatti itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jirus eeraniiru.
Waltajjii kanarratti Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaa Magaalaa Dr Tashoomaa Addunyaa dabalatee qooda fudhattoonni adda addaa kan dhiyaatan yoo ta’u sadanoonni qophaa’a dhiyaatanii jiru.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

“Magaalaa Shaggaritti jijjiiramoota gama...

Magaalaa Shaggariitti Sagantaan mirkaneessa faandhawaa misoomaa waggaa 30 fi GDP...

Manni Maree Magaalaa Shaggar...

Manni Maree Magaalaa Shaggar Yaa’ii Idilee 9ffaa kurmaana 3ffaa bara...

“Lammiileen Ameerikaa Seera Immigireeshinii...

Lammiileen Ameerikaa turtii isaanii kan Itoophiyaa keessaa qabaniin seerota Itoophiyaa...

Scroll to Top