Gamtaa Afrikaatiin kan qophaaye koonfiraansiin qonna dijitaalaa jalqabaa har’a Magaalaa Finfinneetti ni eegala.


Konfiraansiin Qonna Dijitaalaa Gamtaa Afrikaatiin qophaaye inni jalqabaa har’a waajjira muummee gamtichaatti Magaalaa Finfinneetti har’a irraa eegaluun ni gaggeeffama.

Koonfiraansichi “Innooveeshinii fi furmaata dijitaalaa fayyadamuun damee qonnaa dandamachuu danda’u, magariisaa fi teeknooloojiin dandeessisu ijaaruun egeree Afrikaa ibsuu” mata duree jedhuun ni gaggeeffama.

Konfiransiin kun waltajjii beekumsa dabarsuu fi marii imaammata irratti xiyyeeffate kan ta’u yoo ta’u, jalqabbii qonnaa biyyoolessaa milkaa’aa ta’e hirmaattotaaf ni dhiyaata.

Koonfiraansichi Gamtaan Afrikaa bara 2024 istiraateejii qonna dijitaalaa ardiilee mirkaneessee ture hojiirra oolchuu fi guddisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessaa tokkodha.

Gamtichi tarsiimoon qonnaa Ajandaa 2063 fi karoora misooma yeroo dheeraa Afrikaa waliin kan wal simu ta’uu ibseera.

Tarsiimoon kun gabaa dijitaalaa ardii ijaaruu fi qonna galmoota misooma dijitaalaa fi itti fufiinsa qabu Afrikaa waliin walqabsiisuuf, teeknooloojiiwwan odeeffannoo fi qunnamtii (ICT) fayyadamuun kan kaayyeffatedha.

Waltajjiin kun hanga Sadaasa 24, 2018tti kan turu yoo ta’u, qondaaltota mootummaa olaanoo fi poolisii baastonni biyyoota Afrikaa, qorattootaa fi saayintistoota qonnaa, ogeeyyii teeknooloojii, qonnaan bultootaa fi dhaabbilee qonnaan bulaa, dhaabbilee qorannoo, invastaroota, michoota misoomaa, fi qooda fudhattooni biroon ni hirmaatu.

Maddi: ENA

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Raabsa qorichoota sadarkaa isaanii...

Ministeerri Fayyaa Itiyoophiyaatti raabsa qorichoota sadarkaa isaanii hin eegganne ittisuuf...

Manni Maree Bakka Bu’oota...

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koree Dhaabbiin Dhimmoota Magaalaa, Bu’uuraalee...

Dhagaa bu’uuraa osoo hin...

Mootummaan Naannoo Oromiyaa qixa barbaadamuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf bu’uuraalee misoomaa...

Scroll to Top