Mariin waraana Raashiyaa fi Yuukireen xumuruuf taasifamu bu’a qabeessa ta’us, hojiin dabalataa akka hafu himame.


Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon Mariin Raashiyaan Kiyeev waliin waraana Yuukireen xumuruuf taasifte bu’aa argamsiisus garuu hojiin dabalataa hojjetamuu qabu kan jiruu tahuu himan.

Marii Ameerikaa Filooriidaatti gaggeeffame irratti mariisisaa olaanaa haaraa Yukireen, Rustam Umerov, barreessaa Mana Maree Nageenya biyyattii irratti argamaniiru.

Ergamaan Pirezidaanti Tiraamp Isteev Wiitkoof fi abbaan warraa mucaaTiraamp Jaareed Kushner irratti argamaniiru. Wiitkoof torbee dhufu mariidhaaf gara Moskoo ni imalu jedhamee eegama.

Umeroov mariisisaa olaanaa Yukireen ta’uun kan muudaman erga hogganaan isa dura turan Andriy Yermak sakatta’iinsa farra shororkeessummaa mana jireenyaa isaanii irratti raawwatameen booda aangoo gadhiisaniiti.

Walgahiin Dilbata darbee kun sochii dippilomaasii waldhabdee torban lamaan darban keessa raawwatamaa ture keessaa isa tokkodha.

Waldhabdeen kun kan ka’e karoorri nagaa Ameerikaan wixineesse qabxii 28 qabu bahuu isaatiini. Karoorri U.S. waggaa afur dura Yuukireen irratti weerara kan bante Raashiyaaf kan loogu ta’ee argamuun isaa Yuukireenii fi michoota ishee Awurooppaa kan rifachiiseera.

Ministirri Dhimma Alaa U.S. Ruubiyoon walgahii booda ibsa kennaniin walii galtichi qabxii waraana dhaabuu qofa osoo hin taane badhaadhina yeroo dheeraa Yukireen akka argatumirkaneessuudha jedhan.

Ministirri Dhimma Alaa kun itti dabaluudhaan galmi marii nagaa Raashiyaa waliin taasifamu Yukireen abbaa biyyummaa, bilisaa fi kan badhaate taasisuudha jedhan.

Mariisisaan Yukireen Umerov jalqaba marii Dilbataa irratti, “waa’ee egeree Yukireen, nageenya Yukireen, weerara Yukireen itti fufee jiru, badhaadhina Yukireen, akkamitti Yukireen deebisanii ijaaruu akka dandeessan irratti mari’achaa jirra” jedhan.
Tiraamp Kanaan dura ergamaa isaanii Wiitkoof torbee dhufu gara Moskootti erguun karoora nagaa haaraa Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin mari’achuu isaanii dubbatanii turan, kunis fooyya’iinsa of keessaa qaba. Abbaan warraa intala isaa Ivaankaa Tiraampis Kushner waliin imaluu danda’a.

Pirezidaantiin Yuukireen Volodymyr Zelensky fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessaniin mariin kun ijaarsa akka qabaatu, dhimmoonni hundi iftoomina qabaachuu fi abbaa biyyummaa fi dantaa biyyaalessaa Yukireen mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uun barbaachisaa dha jedhan.

Akkasumas Ameerikaa fi Pirezidaanti Tiraamp waraana kana xumuruuf carraaqqii taasisaniif galateeffataniiru.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Manni Maree Bakka bu’oota...

  Baajata kana keessaas baasii idileef qarshii tiriiliyoona 1.2, baasii...

Mootummaan Zimbaabuwee seera bara...

  Kaabineen Zimbaabuwee wixinee seeraa bara angoo pirezidaantii biyyattii hanga...

“Erga Shaggar hundaa’ee qabeenya...

Ijaarsa pirojektoota bara 2017 baajata mootummaatiin fi hirmaannaa hawaasaan Kutaa...

Scroll to Top