Mootummaan Zimbaabuwee seera bara aangoo pirezidaantii hanga waggaa 7tti dheeressu qopheesse.


 

Kaabineen Zimbaabuwee wixinee seeraa bara angoo pirezidaantii biyyattii hanga waggaa 7tti dheeressuuf gargaaru qopheessuun raggaasise.

Seerri qophaa’e kun pirezidaantiin Zimbaabuwee Emersan Manangaaguwaa hanga bara 2030tti aangorra akka turan kan taasisuudha.

Emersan Manangaaguwaa yeroo ammaa manguddoo ganna 83 yoo ta’an, wiixineen seeraa qophaa’e kan hojiirra oolu yoo ta’e, hanga umuriinsaanii 88 ta’utti itti fufanii biyyattii gaggeessu jechuudha.

Akkaataa seera filannoo biyyattiin ittiin bulaa jirtuun, pirezidaantiin tokko filamee kan gaggeessu waggaa shaniifi.

Wixinee haaraa qophaa’een garuu aangoon pirezidaantii waggaa torbaaf kan turu yoo ta’u, marsaa lama jechuun waggaa 14 akka itti fufu taasisa.

Wixineen seeraa bara aangoo pirezidaantii dheeressuuf qophaa’e kun osoo gara paarlaamaatti hin ergamin dura mariin hawaasaa akka irratti gaggeeffamu ni taasifama jedhan Ministirri Haqaa Zimbaabuwee kan ta’an Ziyaambii Ziyaambiin.

Emersan Manangaaguwaa humni waraanaa Zimbaabuwee Roobart Mugaabee aangoorraa erga buusee booda bara 2017tti aangootti kan dhufan yoo ta’u, filannoo bara 2018 fi 2023 gaggeeffame mo’achuun biyyattii bulchaa jiru.

Maddi:- BBC

Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Kanbiroo argachuuf:-
Website; https://moaatv.com/
Telegram; https://t.me/tvmoaa1
Youtube; https://www.youtube.com/@moaatv479/videos
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@tv.moaa2?lang=en ‘Subscribe, like, share’ gochuun nu hordofaa.

Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:

Beeksisa

Yaada Kenni

Dirqamaan guutamuu qaban * jedhamuun calaqqisu.

Oduuwwan Kan Biroo

Manni maree Bakka Bu’oota...

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka...

LEENJII MAGAALAA AMBOO

” Dargaggeessi Filatee , Rigatee Maatii Isaarra Taa’uun Cubbuudha ”...

“Tajaajilli lammummaa aadaa walgargaarsaa...

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo...

Scroll to Top