“Tajaajilli lammummaa aadaa walgargaarsaa tumsa waloon rakkoo waloo ittiin hiikamudha” Obbo Alamaayyoo Tulluu
Kan Maxxanse: moadmin |
Hagayya 18, 2025

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu, yaada gudunfaa fi kallattii fuula duraa kennaniin, hojiin Tajaajila Lammummaan harka qalleeyyiif mana ijaaruu, dhiiga namoota balaan miidhamaniif oolu arjoomuu, namoota balaa tasaafi uumamaan miidhamaniif deeggarsa adda addaa taasisuu, meeshaalee barnootaa gumaachuufi kanneen biroon akka Magaalaa Shaggaritti hojjetamaa ture gaarii ta’uu himaniiru.
Magaalaa Shaggariittis, hojii gama Kenna Tajaajila Lammummaan hojjeetameen fayyadamummaan uummataa mirkanaa’uun danda’eera. Hojiwwaan 75 ol ta’an akka Magaalaa Shaggaritti Kenna Tajaajilaan raawwataman qarshii Biliiyoona 26.5 ol kan ta’u yoo ta’u, qaamolee hawasa garaa garaa Miliyoona 8.5 ta’anis fayyadamaa taasiseera.
Haaluma kanaan, Magaalaa Shaggariiti, gaaasni raawwii hojii Kenna Tajaajila Lammummaa hanga Hagayya 12/2017 Waajjiraa Maallaqaa irraa dhiyaachuun qooda fudhattoota waliin mariin gaggeeffamee kallatttiin hojii kennameen goolabameera.

Tajaajilli lammummaa aadaafi duudhaa ganamaa hirmaannaafi tumsa waloon rakkoo waloo ittiiin hiikamuufi ibsituu eenyummaa Oromooti. Waaqa birattis nama birattis hojii eebbifamaa hariiroo kutaalee hawaasaa garaagaraa gidduutti jabeessudha.
Imala Badhaadhinaa hunda-galeessa dhugoomsuuf, mootummaan jijjiiramaa tarsiimoo man-dhalee kalaquun fayyadamummaa uimmataa mirkaneessuu, Oromiyaa badhaatee Itiyoophiyaa utubdu ijaaruuf humnoota karoorri mootummaa itti milkaa’an fayyadamuun hojii hojjetameen jijjiiramaa addunyaan raajeeffattu galmeessuun danda’ameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas, humnoota sadan(3)n karoorri imala Badhaadhinaa ittin milkaa’an: humna maatii, humnoota waloofi baajata mootummaa akka anniisaatti fayyadamuun hojii hojjeetameen milkaa’inoonni fayyadamummaa uummataa mirkaneessan galmaa’aniiru. Humnoota waloo keessaa Kenni Tajaajila Lammummaa isa tokko. Aadaafi duudhaa walgargaarsaa ganamaa Oromoon qabu sirnoomsuun hojii hojjetameeniis hojiin misoomaafi nageenyaa dhugoomee daandii Ida’amuu filannes akeeka biyya misoomaan fakkeenya taate ijaaruuf qabannee deemnuuf ifa ta’ee jira.
Maddi:- Koomnikeeshinii Magaalaa Shaggar
Miidiyaalee hawaasaa armaan gadii irratti ergi:
Beeksisa
Oduuwwan Kan Biroo
Dhagaa bu’uuraa osoo hin...
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qixa barbaadamuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf bu’uuraalee misoomaa...
Hormuz dura uggura galaanaa...
Hormuuz Ilaalchisee Dhumee torbee darbee yeroo itti burjaajiin uumame ture....
Pirezidaant Tiraamp hanga Iraan...
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp ; Ameerikaan uggura buufata doonii Iraan...
Yaada Kenni